Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Oromiyaa godina Shawaa bahaatti oomishtummaa qonnaa guddisuudhaan oomishooota biyya alaatti ergaman oomishuurratti xiyyeeffatameera

Adoolessa 3/2018(ENA)- Naannoo Oromiyaa godina Shawaa bahaatti oomishtummaa qonnaa guddisuudhaan oomishooota wabii nyaataa mirkaneessuu dandeessisanii fi biyya alaatti ergaman oomishuurratti xiyyeeffatamuusaa waajjirri qonnaa godinichaa ibse.

Itti aanaan itti gaafatamaa waajjira qonnaa godinichaa Abinnat Zagayyee ENA’f akka ibsanitti, bara oomishaa 2018/19 midhaan dheedhii fi biilaa gabaa alaaf ergaman oomishuuf xiyyeeffatamee hojjetamaa jira.

Omishtummaa qonnaa guddisuuf deeggarsi dhiheessii galtee, teeknooloojii qonnaa akkasumas ogeessaaf taasifamu cimee itti fufuusaa ibsaniiru.

Kun ammoo oomistummaa qonnaa godinichaa guddisuudhaan wabii nyaataa mirkaneessuurra darbee oomishoota biyya alaatti ergaman bal’inaan oomishuuf deeggaraa akka jiru dubbataniiru.

Omishoota biyya alaatti ergaman keessasaa Boloqqee fi Shumburaa kilaastaraan misoomsuudhaan fayyadama qonnaan bulaa guddisuuf xiyyeeffannoon addaa kennamuusaa eeraniiru.

Bara bajataa darbe boloqqeen kuntaala miiliyoona 1 tuqaa 8 argamuusaa eeranii, oomisha argame keessaa kuntaalli miiliyoona 1 tuqaa 3 gabaa alaaf dhihaachuusaa eeraniiru.

Ganna baranaa hojicha caalaatti cimsuudhaan, lafa heektaara kuma 80 caalu kilaastaraan Boloqqee misoomsuudhaan oomisha kuntaala miiliyoona 2 caalu walitti qabuuf karoorfamuusaa beeksisaniiru.

Shumburaa fi oomishoota dheedhii biro lafa heektaara kuma 12 irratti misoomsuudhaan industirii fi gabaa alaaf dhiheessuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.

Dabalataanis sadarkaa yaaliitti misooma Jirbii hojiirra oolchuuf, akkasumas galii qonnaan bulaa fi horsiisee bulaa guddisuuf xiyyeeffatamuu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015