Sagantaan qaqqabinsaa fi walitti hidhaminsaa Baadiyyaa Wabii Nyaataatiif Tiraansfoormeeshinii Baadiyyaa saffisiisaa jira – Ministira Caaltuu Saanii - ENA Afaan Oromoo
Sagantaan qaqqabinsaa fi walitti hidhaminsaa Baadiyyaa Wabii Nyaataatiif Tiraansfoormeeshinii Baadiyyaa saffisiisaa jira – Ministira Caaltuu Saanii
Adoolessa 3/2018(ENA): Sagantaan walitti hidhaminsaa fi dhaqqabamummaa baadiyyaa wabii nyaataatiif tiraanisfoormeeshinii baadiyyaa saffisiisaa akka jiru Ministirri Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Caaltuu Saanii ibsan.
Ministeera Magaalaa fi bu’uura misoomaatti sagantaan qaqqabinsaa fi walitti hidhaminsa baadiyaa wabii nyaataa koree Istiriingii Federaalaa yaa’ii waggaa Magaalaa Bishooftuutti gaggeeffamaa jira.
Walitti qabduun korichaa fi Ministirri Magaalaa fi Bu’uuraa Misoomaa Caaltuu Saanii walga’iicharratti akka ibsanitti; sagantichi baadiyyaatti bu’uuraalee misooma babal’isuun, guddina dinagdee saffisiisuu fi tiraanisfoormeeshinii baadiyyaa mirkaneessuun gumaacha guddaan taasifamaa jira.
Keessattuu, kanaan dura naannolee daandiin hin jirretti dhaqqabamummaa bu'uuraalee misoomaa mirkaneessuun akka danda'amees ibsaniiru.
Kunis, hawaasni kallattiin fayyadamaa misoomichaa akka ta’uu fi oomisha isaa salphaatti gara gabaatti akka dhiyeessu dandeessisaa jiraachuu beeksisaniiru.
Itti dabaluunis, ijaarsi bu’uuraalee misoomaa akkanaa oomishaa fi oomishtummaa guddisuu keessatti shoorri inni taphatu ol’aanaa waan ta’eef , galma biyyaalessaa wabii nyaataan of danda’uu mirkaneessuuf hedduu gargaara jedhaniiru.
Naannolee hundaa fi Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaatti hojiirra oolaa kan jiru pirojektiin kun, misoomni hirmaachisaan akka babal'atu gumaacha mataa isaa taasisaa akka jiru eeraniiru.
Yaa’iin Bishooftutti gaggeeffamaa jirus, milkaa'ina hanga ammatti galmeeffame caalaatti cimsuun itti fufsiisuu fi hanqinoota adeemsa keessatti mul'atan sirreessuu irratti xiyyeeffatee akka mari'atu beeksisaniiru.
Walga’icharratti raawwii karoora bara baajataa 2018 fi karoora bara baajataa 2019 irratti marii bal’aan taasifamee kallattiin ni kaa’ama jedhamee eegama.