Tamsaasa Kallatti:

Bara bajatichaatti damee daldalaa teeknooloojiin deeggaruun hojiileen bu’a qabeessi raawwatamaniiru

Adoolessa 3/2018 (ENA)- Bara bajatichaatti damee daldalaa ammayyeessuunii fi teeknooloojiin deeggaruun hojiileen bu’a qabeessi raawwatamuusaanii ministirri daldalaa fi walitti hidhamiinsa riijinii Dr. Kaasahuun Goofee ibsan.

Ministeerichi mata duree “tajaajilli dijitaalaa qindaa’aan tajaajila daldalaa ammayyaaf” jedhuun yaa’iisaa kan sektaraa Hawaasaatti gaggeessaa jira.

Ministirri Dr. Kaasahun Goofee waltajjicharratti ergaa dabarsaniin akka jedhanitti bara bajatichaa dame daldalaa ammayyeessuun gamatti tajaajila dijitaalaa cimsuudhaan hojiileen bu’a qabeessi raawwatamaniiru.

Keessumaa tajaajiloonni yeroo fi humna tajaajilamtootaa qusatan qaqqabamaa gochuuf tattaaffiiwwan godhaman milkaa’uusaanii eeranii, eyyamni daldalaa fi tajaajiloonni wal fakkaatoon miiliyoona 3 tuqaa 4 caalan karaa onlaayinii raawwachuudhaan itti quufinsa tajaajilamtootaa dhibbantaa 96 irraan gahuun danda’ameera jedhaniiru.

Eyyama daldalaa fi to’annaa gabaa cimsuudhaan hojiiwwan fayyadama hawaasaa mirkaneessuu dandeessisan raawwatamuusaanii himaniiru.

Bara bajatichaa gabaa n Sanbataa fi Dilbataa dabalataa 805 banamuusaanii ibsanii, oomishaaleen gatii madaalawaan hawaasaaf kallattiin raabsamuusaanii gabaan tasgabbaa’aa dhufuusaa kaasaniiru.

Omishaalee garagaraa bara bajatichaa biyya alaatti ergaman irraa galiin doolaarri biiliyoona 11 ol argamuusaa dubbataniiru.

Imaammanni mootummaan hordofe milkaa’ina damichaaf gumaacha guddaa argamsiisaa akka jiru eeranii, keessumaa kallattiin dinagdee damee hedduu bu’ura dinagdee bal’isuudhaan bu’aa qabatamaa argamsiisaa akka jiru dubbataniiru.

Beellada biyya alaatti erguuf xiyyeeffannoo kennameen wiirtuuwwan gurgurtaa beelladaa 10 caalu ijaaramuusaanii eeraniiru.

De’eetaawwan ministiraa ministeerichaa, hooggantoonni biiroo damichaa kan naannolee hundaa fi qooda fudhattoonni yaa’ii sektarichaarratti hirmaachaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015