Tamsaasa Kallatti:

Mariin Biyyaalessaa ijaarsa sabaa cimaa fi tokkummaa waaraaf bu’uura kaa’aa jira

Adoolessa 3/2018 (ENA): Mariin biyyaalessaa kun ijaarsa biyyaa cimaa fi tokkummaa waaraaf bu’uura kaa’aa akka jiru pirezidaantonnii fi hoggantoonni dhaabbilee barnoota olaanoo ibsaniiru.

Komishiniin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa hundeeffamee waggoota darbaniif ajandaa walitti qabuu fi hirmaattota adda baasuu irratti hojii bal’aa hojjechaa tureera.

Komishinichi konfiraansii biyyaalessaa guddicha Adoolessa 8, 2018 irraa eegalee gaggeeffamuuf ajandaawwan gurguddoo saddeet ifoomseera.

Ijaarsa biyyaa, gurmaa’ina mootummaa fi caasaa, sirna siyaasaa, bakka bu’ummaa siyaasaa fi sirna filannoo, dhimmi magaalota federaalaa Finfinnee fi Dirree Dhawaa fi dhimmoonni amantaa ajandaalee keessaa kanneen eeramanidha.

Ijaarsa dhaabbilee, olaantummaa seeraa fi mirga namoomaa, dhimma hawaasummaa, diinagdee, fi qonnaan bultootaa fi horsiisee bultootaa, malaammaltummaa fi bulchiinsa gaarii, akkasumas dhimmoonni ijaarsa nageenyaa konfiraansii guddicha irratti mariidhaaf ajandaa ta’aniiru.

Itti aanaan Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Leenjii Tuurizimii Federaalaa Yittaassab Siyyum  Itiyoophiyaan biyya ijaarsa mootummaa bara dheeraa qabdu ta’uu hubachiisaniiru.

Haa ta’u malee, adeemsa seenaa keessatti wal faallessuun siyaasaa, hawaasummaa, diinagdee mudate sababa walitti bu’iinsaa fi waliigaltee dhabuu adda addaa ta’eera jedhan.

Walitti dhufeenya waliinii cimaa fi duudhaalee aadaa guddatan fayyadamuun rakkoon kamiyyuu minjaala irratti mari’achuun furmaata argachuu akka danda’u ibsaniiru.

Adeemsi marii kanaaf eegalame waliigaltee biyyaalessaa fi nageenyi waaraa mirkaneessuuf gumaacha guddaa akka qabus hubachiisaniiru.

Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Samaraa Dr. Mahaammad Usmaan Itiyoophiyaa keessatti rakkoon jaarraa hedduuf deemaa turee fi marii barbaadu hedduun akka jiran hubachiisaniiru.

Tokkummaa fi birmadummaa biyyattiif dandeettiin garaagarummaa jiru waliigalteedhaan furuu danda’uun iddoo guddaa qaba jedhaniiru.

Adeemsi marii biyyaalessaa kun itti fufiinsa adeemsa ijaarsa biyyaa fi ce’umsa dhalootaa fayya qabeessa ta’eef murteessaa ta’uus dubbataniiru.

Kanaaf, mariin amma taasifamaa jiru ce’umsa dhalootaa milkaa’aa ta’eef akkasumas aadaa marii fi nageenya dhaloota egeree dagaagsuuf gumaacha kan taasisu ta’uu ibsaniiru.

Mariin biyyoolessaa kun tokkummaa biyyaa fi ijaarsa biyyaa cimaaf bu’uura kaa’aa akka jiru Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Dabaarqi Doktar Asmamaawu Zagayyee himaniiru.

Mariin kun rakkoo yeroo ammaa furuu qofa osoo hin taane biyya tasgabbaa'aa fi badhaate dhaloota dhufuuf dabarsee kennuuf kan gargaaru ta'uu ibsaniiru.

Adeemsa marii kanarratti dhaabbileen barnootaa dammaqinaan hirmaachaa turuu isaanii ibsuun, kun cimee itti fufuu qaba jedhan.

#Ena Afaan Oromoo #TOI

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015