Dhaabbileen Amantaa hojii gaarii tokkummaa fi nageenya biyyaatiif walitti dhiyeenyaan hojjechuu eegalan caalaatti cimsuu qabu - ENA Afaan Oromoo
Dhaabbileen Amantaa hojii gaarii tokkummaa fi nageenya biyyaatiif walitti dhiyeenyaan hojjechuu eegalan caalaatti cimsuu qabu
Adoolessa 2/2018 (ENA): Dhaabbileen amantaa hojii gaarii nageenya fi tokkummaa biyyaatiif walitti dhiheenyaan hojjechuuf eegalan caalaatti cimsuu akka qaban De’eetaan Ministira Nageenyaa Dr. Kayraddiin Tazarraa hubachiisan.
Ministeerri Nageenyaa uummata gidduutti walooma cimsuu fi ijaarsa nageenyaa fulla’aa ilaalchisuun dureewwan dhaabbilee Amantaa fi bakka bu’ootawaliin marii gaggeesseera.
Marii kanarratti de’eetaan ministiraa akka jedhanitti; Ministeerichi ergama itti kenname ka’umsa godhachuun , akkasumas dhaabbileen amantaa ijaarsa nageenyaa fi waliigaltee biyyaalessaaf qooda olaanaa qaban bu’uura godhachuun itti dhiheenyaan hojjechaa jira.
Tumsi akkanaa kun abbootiin amantaa dhaloota naamusaan ijaarame bocuu keessatti gahee isaanii akka bahanii fi nageenya akkasumas tokkummaa uummataa gabbisuuf kan kaayyeffatedha jedhaniiru.
Mootummaan ayyaanonni amantaa nageenyaan kabajamee akka xumuramu xiyyeeffannoodhaan hojjechaa akka jiru ibsuun, bara 2019ttis ayyaanonni waggaa waggaan kabajaman taateewwan biyyaalessaa biroo waliin osoo walirra hin bu’iin nageenyaan akka adeemsifaman walitti dhiheenyaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.
Adeemsa kana caalaatti si’ataa taasisuuf xiyyeeffannoon akka hojjetamu ibsaniiru.
Hariiroon mootummaan dhaabbilee amantaa waliin qabu nagayaa, kabaja irratti kan hundaa'ee fi seera-mootummaa dhimma amantaa fi mootummaa gargar baasuu kan eege ta'uu de’eetaan ministiraa ibsaniiru.
Dabalataanis, nageenyii fi hariiroon gaariin dhaabbilee amantaa gidduu jiru fooyya'uu isaa ibsanii; dhaabbanni tokko kan biraa waliin tokkummaa fi walgargaarsaan rakkoolee furuuf deeggarsi inni agarsiisu guddachaa dhufuunsaa kan jajjabeeffamuu fi kan galateeffatamu ta'uu ibsaniiru.
Dhaabbileen amantaa hundinuu hordoftoota isaaniitiif tokkummaa, waliin jireenya kabaja irratti hundaa'ee fi dhimmoota biyyaalessaa murteessoo ta'an irratti hojii gaarii walitti dhihaatanii hojjechuuf eegalan akka cimsanii itti fufan dhaamaniiru.
Dureewwan amantaa waltajjicharratti argaman dhimmoota gara fuulduraatti xiyyeeffannoo barbaadan irratti yaada isaanii kaasaniiru.
Ministeera Nageenyaa waliin qindoominaan hojjechuun isaanii dhimmoota baay'ee irratti waliin deemuuf carraa akka uumeef ibsanii, adeemsa gaarii kana cimsanii akka itti fufan dubbachuu isaanii ragaan ministeerichaa irraa argame ni mul’isa.