Itiyoophiyaan naannicha anniisaa waliin walqunnamsiisuu cimsitee itti fufti - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan naannicha anniisaa waliin walqunnamsiisuu cimsitee itti fufti
Adoolessa 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan naannicha anniisaa waliin wal qunnamsiisuu keessatti gahee ishee cimsitee akka itti fuftu himan de’eetaan Ministira Bishaanii fi Inarjii Dr. Injiinar Sulxaan Walii.
Walgahiin Mana Maree Ministirootaa Ariifachiisaa Walitti Hidhamiinsa Inarjii Baha Afrikaa 22ffaa Fifinneetti gaggeeffamaa jira.
De’eetaan Ministira Bishaanii fi Inarjii Dr. Injiinar Sulxaan Walii walgahicharratti ibsa miidiyaaleef kennaniiru.
De’etaan ministirichaa wayita sana ibsa kennaniin, Itiyoophiyaan humna ibsaa Jibuutii, Keeniyaa, Taanzaaniyaa fi Sudaaniif dhiyeessuun gahee naannoo ishee bahaa jirti jedhani.
Bu’uura walitti hidhaminsa Inarjii Baha Afrikaa keessatti naannicha anniisaa waliin walqunnamsiisuu keessatti gahee ishee cimsitee akka itti fuftus mirkaneessaniiru.
Walitti hidhamiinsi anniisaa kun naannichatti dhiyeessii anniisaa amanamaa ta’e mirkaneessuu fi walitti hidhamiinsa daran mijeessuuf waltajjii dandeessisu ta’uu ibsaniiru.
Dhiyeessii anniisaa haala mijeessuun fayyadamummaa hawaasummaa fi dinagdee ummataa guddisuun kaayyoo keenya isa guddaa dha jedhaniiru.
Walgahii mana marichaa guyyoota lamaaf gaggeeffamu kana irratti waliigalteewwan biyyoota miseensa gidduutti taasifaman waliin hojjechuu fi waliigalteewwan tajaajila humna ibsaa dabalatee malawwan adda addaa irratti mari’achuun murteewwan ni kennama jedhamee akka eegamu hubachiisaniiru.
Kana malees, dhimmi wiirtuun gabaa humna ibsaa eessa ta’uu qaba jedhu ajandaa ijoo marii kan biraa ta’uu De’eetaan Ministiraa kuni ibsaniiru.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena