Tamsaasa Kallatti:

Karoorri tarsiimoo haaraan ergama hojii eegumsa mirga namoomaa loogii tokko malee fi itti-gaafatamummaan raawwachuuf waadaa kan itti galludha – Komishinara Olaanaa Biraanuu Adeeloo

Adoolessa 2 /2018 (ENA): Karoora tarsiimoo haaraa kanaan gahee hojii eegumsa mirga namoomaa keenyaa loogii tokko malee fi itti-gaafatamummaan raawwachuuf kan itti waadaa seennudha jedhan Komishinarri olaanaa Komishinii Mirgoota Namoomaa Itiyoophiyaa Biraanuu Adeeloo.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itiyoophiyaa tarsiimoo waggoottan shanan dhufan ittiin gaggeeffamu qaamonni dhimmi ilaallatu bakka argamaniitti har'a ifa taasiseera.

Komishinarri olaanaa Komishinichaa Biraanuu Adeeloo wayita sana akka jedhanitti, Komishinichi aangoofi itti-gaafatamummaa mirgoota namoomaa eegsisuu, babal'isuu fi hordofuu labsiidhaan kennameef haala guutuu ta'een ba’uuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Kanaanis, waggoottan shanan dabran keessatti sadarkaa biyyaalessaatti mirgoonni namoomaa akka eegaman, kabajamaniifi guutaman gochuuf hojiiwwan raawwatamaniin bu'aawwan jajjabeessoon galmeeffamuu isaanii gamaaggama taasifameen mirkaneessuun danda'amuu dubbataniiru.

Komishinichi kanaan dura tarsiimoo ittiin gaggeeffamaa ture yeroon raawwii isaa xumuramuu hordofee, tarsiimoon haaraan kun ifa taasifamuu isaas hubachiisaniiru.

Karoorri tarsiimoon kun yaada jijjiiramaa haaraa hedduu kan hammate ta'uu isaa eeruun, kanaan dura kan turerra haala caaluun seeronnii fi tarsiimoowwan bahan mirgoota namoomaa kan kabajaniifi kan walsiman akka ta'an xiyyeeffannoo kennuusaa dubbataniiru.

Lammiileen daa’imummaa isaaniirraa kaasee waa'ee eegumsa mirga namoomaa hubannoo qabaatanii akka guddatan gochuuf, barnoota mirga namoomaa sirna barnootaa keessatti hammachiisuuf akka hojjetamus eeraniiru.

Dabalataanis, eegumsa mirgoota namoomaa irratti kan hojjetu kutaa qo'annoofi qorannoo akkasumas institiyuutii hundeessuuf karoorfamuu Komishinarri olaanaan kun dubbataniiru.

Milkaa'ina kanaatiifis komishinichi qaama dhimmi ilaallatuufi dhaabbilee idil-addunyaa waliin tumsaan akka hojjetu mirkaneessaniiru.

Karoorri Tarsiimoon haaraan kun mirgoota namoomaa caalaatti eegsisuufi dhiheessii haqaa babal'isuuf gahee olaanaa akka taphatu kaasuun, hoggansiifi hojjettoonni komishinichaa milkaa'ina karoorichaatiif gahee isaanii bahachuuf qophii ta'uu isaanii ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015