Tamsaasa Kallatti:

Bulchiinsi Naannoo Harariitti bara bajataa xumurame kanatti Birrii Biiliyoona 4.6 ol walitti qabe - Biiroo Galiiwwanii Naannichaa

Adoolessa 2/2018 (ENA): Mootummaan Naannoo Hararii bara baajataa 2018tti Birrii biiliyoona 4.6 ol walitti qabuu isaa itti gaafatamaan Biiroo Galiiwwanii Naannichaa Yaasiin Abdullaahii himaniiru.
Pirojektoota fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf karoorfaman akka dhugoomaniif galii haalaan walitti qabun murteessa dha jedhani.
Kanaaf bara bajataa xumurame kana keessatti galii naannichaa sassaabuuf sochiin kallattii hedduun hojjetamaa turuu yaadachiisaniiru.

Waggaa kana keessatti Birriin biiliyoona 4 fi miiliyoona 672 walitti qabuuf karoorfamee, birrii biiliyoona 4 fi miiliyoona 625 ol walitti qabuun karooricha keessaa dhibbeentaa 99 galmaan ga’uu eeraniiru.
Gibirri kallattiin birrii biiliyoona 2 fi miiliyoona 612 ol, gibirri al-kallattiin birrii biiliyoona 2 fi miiliyoona 211, galiin gibiraan ala ta’e Birrii miiliyoona 275 ol akka sassaabamu agarsiisaniiru.
Tajaajila bulchiinsa magaalaa irraa birrii miiliyoona 526 ol walitti qabamuus ibsaniiru.

Akkasumas galiin bara walfakkaatu bara 2017 irraa birrii biiliyoona 1 fi miiliyoona 516 ol akka caalu ibsaniiru.
Keessattuu, odiitii keessoo dabaluu fi qindoomina cimsuu; kenniinsa tajaajilaa fooyyessuu; sirnoota teeknooloojiin deeggaraman hojiirra oolchuu; liqii hir’isuu fi sirna komii furuu fooyyessuunis galii sassaabbii fooyyessuuf gumaacheera jedhani.

Dhaqqabummaa gibiraa babal’isuu fi gahumsaa fi itti gaafatamummaa irratti hundaa’uun misoomaa fi hooggansa humna namaa hojiirra oolchuun guddina galiitiif gumaacha guddaa kan taasisan kan biroo ta’uu eeraniiru.

Hojiin sirna hojii fooyyessuu fi daldaltoota seeraan alaa gara seera qabeessaatti jijjiiruun karoora bara kanaaf karoorfame galma ga’uu danda’eera jedhan.
Bara bajataa 2019tti qindoomina kaffaltoota gibiraa fi qaamolee dhimmi ilaallatuun galii fooyya’aa sassaabuu fi imala badhaadhina naannoo fi biyyaalessaa eegalame bahachuuf qophiin taasifamaa jiraachuus eeraniiru.

Itti gaafatamaan waajjirichaa qaamota waggaa kana keessatti galii sassaabbii fooyyessuuf gumaacha taasisan keessattuu kaffaltoota gibiraa amanamoo, hojjettoota dhaabbatichaa, hoggantoota olaanoo naannichaa fi qooda fudhattoota biroof galata guddaa qaban ibsaniiru.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015