Tamsaasa Kallatti:

Sagantaan Maaddii Guutuu wabii nyaataa Itiyoophiyaa kan mirkaneessu bu’aa qabatamaa agarsiisaa jira

Adoolessa 2/2018 (ENA): Sagantaan Maaddii Guutuu wabii nyaataa Itiyoophiyaa kan mirkaneessu bu’aa qabatamaa agarsiisaa jiraachuu Ministeerri Qonnaa ibseera.

De’eetaan Ministira Qonnaa Dr. Fiqiruu Raggaasaa ibsa miidiyaaleef kennaniin, sagantichi birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf carraaqqii taasifamaa jiruun dandeettii dinagdee uumaa akka jiru ibsaniiru.
Sagantaan kun qonnaan bultootaa fi horsiisee bultootaaf wabii nyaataa mirkaneessuu bira darbee fedhii gabaa oomisha beeyladaa magaalaa guutuuf gahee olaanaa taphachaa jiraachuu ibsaniiru.
Faayidaa waliigalaa lammiilee mirkaneessaa kan jiru Sagantaan Maaddii Guutuu qaala'iinsa gatii nyaataa to'achuu keessattis iddoo guddaa akka qabu ibsaniiru.

Oomishtummaa horii fooyyessuudhaan, Fooyya’iinsa sanyiiwwan saawwan aannani dabalatee damee oomisha lukkuu fi hanqaaquu keessatti dargaggootaafi dubartootaaf carraa hojii hedduu uumuu eeraniiru.

Fakkeenyaaf, Sagantaan Maaddii Guutuu osoo hin jalqabiin dura, waggaatti cuuciilee lukkuu miiliyoona 26 qofatu raabsamaa ture; bara kana garuu gara miiliyoona 184tti ol guddateera jedhani.
Hojiin furdisa loon ammayyaa gabaa al-ergiitiif oomisha foon guddisuuf hojjetamaa turee fi fooyya’iinsi qaqqabummaa talaallii beeyladaa dandeettii al-ergii damichaa haalaan akka dabale ibsaniiru.

Kana malees, horsiisa qurxummii bishaan kuufamaa babal’isuun aadaa soorataa fi oomishtummaa lammiilee sirna horsiisa beeyladaa ammayyaatiin fooyyessuudhaan sharafa alaa argachuuf haalli mijataa uumamuu ibsaniiru.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015