Tamsaasa Kallatti:

Xiyyeeffannoo Misooma Bunaatiif kennameen, qonnaan bultoonni omisha akka guddisaniif kaka’umsa guddaa uumeeraaf

Adoolessa 2/2018 (ENA): Mootummaan misooma bunaatiif xiyyeeffannoo kennuudhaan milkaa'inni galmeessise, galii Al-ergii guddisuu bira darbee, qonnaan bulaa damicharratti bobba'eef kakka'umsa guddaa uumuu isaa hoggantoonnii fi ogeeyyiin damichaa Godina Baalee ibsan.

Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa bara hojii waggaa 5ffaa walgahii idilee 30ffaa irratti argamuudhaan, raawwii hojii mootummaa bara baajataa 2018 ilaalchisee gaaffilee miseensota mana marichaa biraa ka'aniif deebii fi ibsa kennaniiru.

Ministirri Muummee ibsa kennaniin, misooma bunaatiif xiyyeeffannoo olaanaan kennamuun isaa Itiyoophiyaan addunyaarratti biyya buna alatti ergitu keessaa 3ffaa akka taatu ishee dandeessisuusaa ibsaniiru.

Kana malees, hojiin riifoormii biyyaalessaa milkaa'ina galii sharafa alaa argachuutiif gumaacha guddaa taasisuu isaa dubbataniiru.

Kanaanis, bara kana Itiyoophiyaan Al-ergii shaqaxootaa irraa galii doolaara biiliyoona 11 ol argachuu ishee ibsuun, Al-ergii bunaa qofaarraa immoo waggaatti doolaarri biiliyoona 3.1 argamuu isaa eeraniiru.

Itiyoophiyaan madda buna 'Araabiikaa' (Coffee Arabica) akka taateen, baroota kamiyyuu buna alatti ergaa turuu ishee kan yaadachiisan Ministirri Muummee, waggoota jijjiiramaa dura garuu galiin hammana jedhamu argamuu akka hin dandeenye ibsaniiru.

Kanaanis, biyyattiin dhimma kanaan waggoottan 17’n darban keessatti buna alatti erguudhaan waliigala galii doolaara biiliyoona 3.3 qofa akka argatte ibsanii; mootummaan misooma bunaatiif xiyyeeffannoo olaanaa kennuu isaatiin garuu bara kana qofa galii doolaara biiliyoona 3.1 milkeessuu danda'amuu isaa ibsaniiru.

Dhimma kanarratti ENA’n gaggeessitootaa fi ogeeyyii Waajjira Qonnaa Godina Baalee dubbise akka jedhanitti, mootummaan misooma bunaatiif xiyyeeffannoo kennuun milkaa'inni galmeessise qonnaan bulaa fi horsiisee bulaa damicharratti bobba’aniif kakka'umsa guddaa uumeera.

Yaada isaanii kanneen kennan keessaa Itti-aanaan itti gaafatamaa Waajjira Qonnaa Godinichaa obbo Mu’awwiyyaa Fu'aad; Godinichatti waggoottan darban keessa misooma bunaatiif xiyyeeffannoo kennameen jijjiiramni qabatamaan galmeeffamuu isaa ragaadhaan kaasaniiru.

Godinichatti waggoottan jijjiiramaa dura lafti misooma bunaatiin uwwifame hektaara kuma 40 akka hin caalle eeranii, jijjiiramaa asi garuu misoomicha gara hektaara kuma 78tti guddisuun danda'amuu isaa agarsiisaniiru.

Dabalataanis, oomishtummaa bunaa hektaara tokko irraa argamu kuntaala shan irraa gara kuntaala 10.1tti guddisuu dandeessuun isaa milkaa'ina guddaa damichaa ta'uu dubbataniiru.

Milkaa'inni kun argamuu kan danda'e qonnaan bulaan biqiltuu bunaa dullooman gamashuunii fi buqqisuun biqiltuu bunaa sanyii filatamaa haaraatiin bakka buusuu isaatiin ta'uu ibsaniiru.

Misooma bunaa babal'isuuf xiyyeeffannoo kennameen, biqiltuu bunaa waggaa waggaan dhaabamu miliyoona 15 irraa gara miliyoona 42tti guddisuun danda'amuu kan ibsan immoo Waajjirichatti dursaan garee misooma Bunaa, Kuduraa fi mi’eessituuwwanii obbo Wandasan Naggaati.

Kanaanis oomisha bunaa waggaa godinichaa toonii kuma 15 irraa gara toonii kuma 44tti geessisuun danda'amuunsaa milkaa'ina damichatti galmeeffaman keessaa kan eeramudha jedhaniiru.

Fuuldurattis misooma bunaa caalaatti babal'isuu fi oomishtummaa hektaararraa argamu kuntaala 21 ol geessisuuf, hojii tekinoolojiin deeggarame hojiirra oolchuuf kan dandeessisu inisheetiivii (wixineen) bocamee gara hojiitti senmuu isaa dabalanii ibsaniiru.

Yaada kennitoonni xumura irratti, Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatiif ibsa kennaniin, misooma bunaatiif xiyyeeffannoo kenname Itiyoophiyaa addunyaarratti biyya 3ffaa buna alatti ergitu akka taatu dandeessisuu ishee ibsuun isaanii tarkaanfii guddaa ta'uu fi qonnaan bulaa damicharratti bobba'aniifis kakka'umsa hojii caalurratti akka uumu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015