Bara baajataa xumurame kana keessatti pirojektoonni bu’uuraalee misoomaa 470 ol Godina Wallaggaa Lixaatti xumuramanii tajaajilaaf gahaniiru - ENA Afaan Oromoo
Bara baajataa xumurame kana keessatti pirojektoonni bu’uuraalee misoomaa 470 ol Godina Wallaggaa Lixaatti xumuramanii tajaajilaaf gahaniiru
Adoolessa 1/2018 (ENA): Bara baajataa xumurame kana keessatti pirojektoonni fayyadamummaa misoomaa ummataa guddisan 470 ol ta’an xumuramanii tajaajilaaf gahuu isaanii Bulchaan Olaanaan Godinichaa obbo Taliilaa Tarrafaa ibsaniiru.
Akka Bulchaan Olaanaan kuni himanitti, pirojektoonni misoomaa adda addaa xumuramanii tajaajilaaf gahan kunneen birrii biiliyoona 2 oliin ijaaramaniiru jedhani.
Pirojektoota bu’uuraalee misoomaa akkaataa sagantaa qabameen xumuramuun hojiitti hiikaman keessaa dhaabbileen bishaan dhugaatii qulqulluu, sheediiwwan waldaalee IMX fi bu’uuraalee misooma jallisii, daandii baadiyyaa fi magaalaa, akkasumas buufataalee fayyaa fi dhaabbilee barnootaa akka ta’an himaniiru.
Hojiirra oolmaan pirojektoota kunneen nageenyi naannoo sanaa cimsuu qofa osoo hin taane, ummanni misooma isaa saffisiisuun sochii diinagdee fi hawaasummaa mataa isaa akka raawwatu carraa guddaa uumeera jedhan.
Jiraattonni Godinichaa gama isaaniitiin pirojektoonni naannoo isaaniitti ijaaraman fedhii misoomaa ummanni yeroo dheeraaf qabu ture dhugoomsuun deebii kan kennan ta’uu ibsaniiru.
Dhaabbileen barnootaa fi fayyaa Godinicha keessatti ijaaraman tajaajila walitti dhiyeenyaan akka argannu nu dandeessisaa jiru; kunis qarshii fi humna keenya qusachuu fi pirojektoota misoomaa biroo irratti xiyyeeffachuuf nu gargaareera jedhan.
Bu’uuraaleen daandii naannoo keenyatti ijaaraman oomisha keenya salphaatti gabaaf dhiyeessuun fayyadamoo ta’uuf nu gargaaraa jiraachuus ibsaniiru.
Nageenyaa fi misoomni naannoo isaanii itti fufiinsa akka qabaatu taasifamaa jiru keessattis yeroo kamuu caalaa gahee isaanii bahachuuf qophii ta’uu ibsaniiru.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena