Finfinneetti Galmeen Haaromsa Waliigaltee Kiraa Manaa har'a eegale - ENA Afaan Oromoo
Finfinneetti Galmeen Haaromsa Waliigaltee Kiraa Manaa har'a eegale
Adoolessa 1/2018(ENA): Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee, daballii kiraa manaa waggaa kanaaf eeyyamamu dhibbantaa 11.5 akka ta'u murteessuu hordofee, galmeen haaromsa waliigaltee har'a akka jalqabu Biiroon Misoomaa fi Bulchiinsa Manneen Magaalaa Finfinnee beeksiseera.
Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee, ulfaatina jireenyaa lammiilee hir'isuuf akkasumas sirna gabaa kiraa manaa keessatti hojiiwwan seeraan alaa aawwataman yeroo dheeraaf ittisuuf tarkaanfiiwwan cimaa fudhachuu isaa itti fufeera.
Kana bu'uura taasisuun, galmeen haaromsa waliigaltee haaraa abbaa qabeenya manaafi kireeffataa manneen dhuunfaa magaalaa guutuu keessatti argaman har'a Adoolessa 1, 2018 A.L.I irraa eegalee waajjiraalee Bulchiinsa Manneen Kutaa Magaalaa hunda keessatti ifatti hojii irra ooluu jalqaba jedhameera.
Akka ibsa biirichaatti, murteen sirreeffama gatii kiraa manaa kun murtii tilmaamaan kenname osoo hin ta'iin, qorannoo saayinsaawaa bal'aa magaalaa keessatti gaggeeffameen, dandeettii kaffaluu jiraattotaa bu'uureffachuun kan qophaa'e ta'uu ibsameera.
Sirni kun gama tokkoon abbootiin manneenii haala yeroo fi diinagdee yeroo ammaa giddugaleessa godhachuun galii haqa qabeessa akka argatan ni mirkaneessa jedhameera.
Gama biraatiin immoo, kireeffattoonni galii isaanii wajjin wal-simuun kiraa kaffaluudhaan yeroo yerootti mana irraa buqqa'uu fi dhiphina irraa bilisa ta'anii jireenya tasgabbaa'aa akka jiraatan ni gargaara jedhameera.
Akka odeeffannoon Biiroo Misoomaa fi Bulchiinsa Manneen Magaalaa Finfinnee irraa argame agarsiisutti, murteen kun dhiibbaa qaala'iinsa jireenyaa magaalattii keessa jiru hir'isuu keessatti faayidaa hawaasummaa, dinagdee fi bulchiinsa gaarii olaanaa qaba.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena