Gareen Hidhataa TPLF daa'immaniifi dargaggoota humnaan butuunsaa, fudhatama dhabuu garichaa agarsiisa- Ogeeyyii Miidiyaa - ENA Afaan Oromoo
Gareen Hidhataa TPLF daa'immaniifi dargaggoota humnaan butuunsaa, fudhatama dhabuu garichaa agarsiisa- Ogeeyyii Miidiyaa
Adooleessa 1/2018(ENA): Gochoonni ukkaamsuu fi humnaan daa'immanii fi dargaggoota butuu garee seeraan alaa TPLF’n raawwatamaa jiru murnichi guutummaan guutuutti fudhatama dhabuu isaa agarsiisa jechuun Rogeeyyii fi Ogeeyyiin miidiyaa ibsan.
Naannoo Tigraay keessatti faayidaa dhuunfaa isaanii milkeessuuf uummata irratti gochoonni ukkaamsuu fi humnaan butuu bal'inaan itti fufaniiru jedhan Rogeeyyiin kunneen.
Gochoonni kunneen uummata biratti mormii cimaa akka kaasan eeruun, hawaasni naannichaas gareewwan kanneeniif deeggarsa duraan kennaa ture guutummaatti dhaabuusaa ibsaniiru.
Gaazexeessaan Awuraambaa Taayims Daawwit Kabbadaa, qaamoleen gocha kana raawwataa jiran daldala warqee fi albuudaa waliin walqabatee faayidaa dhuunfaa hedduu akka qaban dubbateera.
Faayidaa isaanii eegsisuuf jecha buqqaatota deebisuuf hojjechaa jirra jedhanii akka haguuggiitti fayyadamaa jiru jedheera.
"Isaan yaroo tokkoof waa'ee uummataa yaadu jedhee hin amanu" kan jedhe Daawwit Kabbadaan, sochiin yeroo ammaa taasisaa jiran hawaasa biratti fudhatama dhabuu ibseera.
Sababa kanaanis dargaggoota humnaan butuun gara leenjii waraanaatti galchuu jalqabuu isaanii eeruun, konkolaattota geejjibaa uummataa illee dhaabsisuun dargaggoota ittiin deemsisaa jiraachuu ibseera.
Gaazexeessituun Heermoon Fiqaaduu gamasheetiin, hoggantoota TPLF fi humnoota gocha badii kana raawwataa jiran cimsitee balaaleffatteetti.
Bara ammaa keessatti fedhii isaaniifi pirooppaagaandaa sobaa milkeessuuf jecha, gochoota ukkaamsuu fi humnaan dargaggoota butuun fudhatama kan hin qabneefi baay'ee gaddisiisaa ta'uu ibsiteetti.
Itti gaafatamaa Hariiroo Hawaasaa Paartii Tinsa'ee kan ta’an Indartaa Abrahaam Tsiggee, gareen kun dogoggora yeroo darbe irraa barachuu dadhabuu isaa ibsaniiru.
Uummanni "kan darbe nu gaheera, dogoggora keessa deebinee hin seennu" jechuun garichaaf fudhatama guutummaatti dhaabuu isaa agarsiiseera jadhaniru.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena