Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaan omisha biyya keessaa fi humna bittaa maallaqaan Afriikaa Bahaa keessaa sadarkaa tokkoffaa qabatteetti – Dhaabbata Fundii Maallaqaa Idil Addunyaa (IMF)

Adoolessa 1/ 2018 (ENA): Itiyoophiyaan omisha biyya keessaa fi humna bittaa maallaqaan Afriikaa Bahaa keessaa sadarkaa tokkoffaa qabachuu Dhaabbanni Fundii Maallaqaa Idil Addunyaa (IMF) beeksise.

Akka ragaan Fandii Maallaqaa Idil-addunyaa (IMF) akka lakkoofsa warra Faranjiitti Caamsaa 2026 baaseen humna bittaa maallaqaa(PPP) biyyoota Baha Afriikaa 19 irratti hundaa’uun, omishni biyya keessaa Itiyoophiyaa (GDP’n) Doolaara biiliyoona 558.93 ga’uun, Baha Afrikaa keessaa sadarkaa tokkoffaa irra jirti.

Itiyoophiyaatti aanuun Keeniyaan Doolaara biiliyoona 435.21, 2ffaa yoo qabattu, Taanzaaniyaan ammoo Doolaara biiliyoona 320.88’n sadarkaa 3ffaa qabattee jirti.

Diinagdeen Itiyoophiyaa, Keeniyaa fi Taanzaaniyaa walitti dabalamee doolaara tiriliyoona 1.35 kan gahu yoo ta’u, dinagdee biyyoota Baha Afrikaa 16 hafan irraa baay’ee kan caalu ta’ee argameera.

Biyyoota adda duree kana hordofuun Yugaandaa, Sudaan, Zaambiyaa fi Zimbaabuween guddina dinagdeetiin sadarkaa 4ffaa hanga 7ffaa qabataniiru.

Madagaskaar, Ruwaandaa, Moozaambiik, Maalaawii, Moorishas, Somaaliyaa, Burundii, Sudaan Kibbaa, Jibuutii, Eertiraa fi Siisheelsi tartiiba itti aanuun sadarkaa itti aanee jiru qabataniiru.

Gama biraatiin Koomoroos doolaara biiliyoona 3.43’n sadarkaa 19ffaa isa dhumaa irra jirti.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015