Tamsaasa Kallatti:

Jilli Konfiraansii Marii Biyyaalessaa irratti hirmaatu Finfinnee gala jalqabe

Adoolessa 1/2018 (ENA): Konfiraansii Marii Biyyaalessaa Adoolessa 8 irraa eegalee gaggeeffamuuf bakka bu’oonni Finfinnee seenuu jalqabaniiru.

Adeemsi Yaa’ii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaan waggoota darbaniif geggeessaa turte amma marsaa xumuraa fi murteessaa irra ga’eera.
Yaa’ii Marii Biyyaalessaa kanarratti ajandaaleen gurguddoon saddeet mariidhaaf kan adda baafaman yoo ta’u, bakka bu’oonni 4,000 ta’an golee biyyattii hundarraa gara Finfinnee galuun kanneen irratti bal’inaan mari’achuun furmaata waaraa kaa’uuf qophiitti jiru.


Komishinii marii biyyaalessaatti Qindeessaan Naannoo, Bulchiinsa Magaalaa fi Diyaaspooraa Rattaa Geeraa ibsa miidiyaaleef kennaniin akka jedhanitti, miseensonni hawaasa diyaaspooraa naannoolee fi kutaalee addunyaa adda addaa irraa gara konfiraansii marii guddichaaf gara magaalaa Finfinnee seenaa jiru.
Hirmaattota kana Yuunivarsiitii Pabliik Sarvisii Itiyoophiyaa fi iddoowwan mijatoo birootti akka keessummeessuu komishinichi beeksiseera.

Konfiraansiin seena qabeessa kun Adoolessa 8, 2018 irraa eegalee Giddugala Walgahii Addis Konveenshinii keessatti ni gaggeeffama.
Hirmaattonni ENA waliin turtii taasisan waltajjii seena qabeessa kana irratti mari’achuun waldhabdee yeroo dheeraaf ture haala qaroominaan hiikuuf carraa argachuu isaaniitti gammaduu isaanii ibsaniiru.


Mariin seena qabeessa kun biyya badhaatuu fi tasgabbii qabdu ijaaruuf bu’uura cimaa akka ta’es hubachiisaniiru.
Yeroo murteessaa kanatti mari’achuu, walii galuu fi walitti dhufnee biyya cimtuu dhaloota dhufuuf dabarsuuf abdii guddaa qabna jedhan.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015