Naannoo Harariitti Hojiileen Eegumsaafi Kunuunsa hambaalee fi Misooma koriidaraan hojjetaman daawwattoota hawwachaa jiru - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Harariitti Hojiileen Eegumsaafi Kunuunsa hambaalee fi Misooma koriidaraan hojjetaman daawwattoota hawwachaa jiru
Adoolessa 1/2018 (ENA): Naannoo Harariitti hojiileen eegumsaafi kunuunsa hambaalee fi misooma koriidaraan hojjetaman yaa’insa Tuuristootaa haala olaanaan dabalaa akka jiran ogeeyyiin hojii daawwachiisummaarratti bobba’an beeksisan.
Ministirri Muummeen Dr.Abiyyi Ahimad dhiheenya kana mata-duree “Tuurizimiin Motora Diinagdee Haaraadha!” jedhuun ibsa kennaniin, hojiilee sektera kanaan hojjetamaniifi bu'aawwan argaman kaasaniiru.
Kunis filannoowwan diinagdee hedduu irratti hundaa'uun hojjechuun, keessattuu damee Tuurizimii kanaan milkaa'ina galmaa'e ragaa taasisanii dhiyeessaniiru.
Harar keessatti hambaalee durii, amantiifi seenaa qaban suphuufi hojiileen misooma koriidarii guddinaafi dammaqiinsa damee Tuurizimiitiif humna gudhaa ta'uu bira dabranii, daawwattoota hawwachaa akka jiran ibsameera.
Hambaaleen umurii waggoota dheeraa qaban kanneen balaa uumamaafi nam-tolcheerraa oolchuuf, mootummaa naannichaafi qooda fudhattootaan qindoominaan misooma koriidarii, eegumsaafi kunuunsi hambaalee hojjetamaa tureera.
Waggoottan dhihoon asitti Jugol osoo qabiyyee seenaasaa gad-hin dhiisin hojiileen suphaafi haaromsaa hojjetaman, wiirtuulee tuuristootaa miidhagsuufi akkasumas miidhagina halkaniitiin bifa magaalaattii kan jijjiiranii fi pirojektoonni misooma koriidorii, umrii hambaalee dheeressuu bira dabranii daawwattootaaf naannoo mijataafi hawwataa uumuu danda'aniiru.
Hojimaanni kun keessattuu tuuristonni biyya keessaafi alaa yeroo magaalattii keessa turan akka dheeressaniifi muuxannoo isaan duudhaalee aadaa irratti qaban akka gabbifatan carraa guddaa uumeera.
Hojiin eegumsaafi fooyya'iinsa hambaalee kun galii Turizimii naannichaa dabaluu bira darbee,hojii daawwachiiftummaa, tajaajila hoteelaa, fi gurgurtaa oomishaalee harkaa (aadaa) irratti bobba'aniif carraa hojii bal'aafi madda galii ta'uun faayidaa olaanaa gumaachaa jira.
Daawwachiisaan Tuurizimii naannichaa Haayiluu Gaashaawu akka ibsetti, Hambaa Idil-addunyaa Jugool dabalatee, aanaalee baadiyaafi magaalaa keessatti hambaalee seenaafi durii jiran irratti hojiileen eegumsaafi kunuunsa gahaan hojjetamaniiru.
Hojiileen eegumsaafi kunuunsa hambaalee kunneen, akkasumas ayyaanni Shawwaalid dabalatee ayyaanni kabajaman daawwattoota biyya keessaafi alaa hawwachuu keessatti gumaacha guddaa gochaa akka jiran dubbateera.
Keessattuu damee Tuurizimii guddisuuf mootummaan naannichaa filannoowwan adda addaatiin hojiin beeksisuu hojjete, abbootiin qabeenyaa magaalattii keessatti Riizoortotaafi hoteelota akka ijaaran carraa uumuu isaas dubbateera.
Daawwachiisaa biraa Teediroos Balaay gama isaatiin, magaalattii keessatti misooma koriidariin hojiileen hojjetaman damee Tuurizimii irratti dammaqiinsa uumuusaa, magaalaattii miidhagsuufi qulqulleessuu bira darbanii daawwataan akka deebi'ee dhufu gochaa jiraachuu ibseera.
Koomishinarri Koomishinii Tuurizimii Naannoo Hararii Saamii Abdulwaasii naannichatti damee Tuurizimiitiif xiyyeeffannoo kennameen, iddoowwan hawwata Tuurizimii misoomsuun, yeroo turtii tuuristootaa dheeressuufi humna diinagdee sektericharraa argamu guddisuun hojiileen fooyya'oon raawwatamuu isaanii ibsuuniiru.