Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaan oomishaalee biyya alaatii galfaman oomisha biyya keessaatiin bakka buusuuf itti jirtu jijjiirama qabatamaa agarsiisaa jira - Hayyoota

Adoolessa 1/ 2018 (ENA): Itiyoophiyaan oomishaalee sharafa alaa gatii guddaa qaban oomisha biyya keessaatiin bakka buusuuf itti jirtu jijjiirama qabatamaa agarsiisaa jira jedhan hayyoonni.

Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsa kaleessa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf kennaniin, dinagdee biyyattii babal’isuu fi ammayyeessuuf dameewwan ijoo ta’an keessaa dinagdeen industirii ijoo fi xiyyeeffannoo ta’uu eeraniiru.

Jijjiirama kanaan dura dandeettiin oomishaa industiriiwwan biyyattii dhibbeentaa 47 gadi akka ture hubachiisuun, kanaafis rakkoon akka faayinaansii, lafaa fi dhiyeessii humna ibsaa akka sababaatti ka’uu ibsaniiru.

Rakkoo kana furuuf mootummaan koree addaa hundeessuun tokkoon tokkoon industirii daawwachuun rakkoo isaanii sadarkaa sadarkaan jiru furuu kan danda’e yoo ta’u, carraaqqii cimaa taasifameen dandeettiin oomishaa industiriiwwan duraanii har’a dhibbeentaa 67tti ol guddateera.

Industiriiwwan Itiyoophiyaa guddachaa jiran oomisha hedduu omishuudhaan biyya alaatii kan galfamu biyya keessaan bakka buusuu qofa osoo hin taane, hanga biyya alaatti ergamus dabaleera.

Akka ogeeyyiin damee kanaa dhimma kana irratti ENA waliin turtii taasisan jedhanitti, akkaataan mootummaan oomishaalee biyya alaatii galfaman biyya keessaa bakka buusuuf hojtete jijjiirama qabatamaa agarsiisaa jira.

Yunivarsiitii Dirree Dhawaatti kutaa Bizinasii fi Diinagdee keessatti barsiisaa kan ta’an Dr. Masfin Mokonnon akka himanitti, waggoota dhiyoo asitti hanqinni sharafa alaa qormaata guddaa ta’us, amma rakkoon kun saffisaan furmaata argachaa jira jedhan.

Ijaarsi paarkiiwwan industirii haaraa fi dandeettii oomisha isaanii itti fufiinsaan guddisuuf tattaaffii taasifamaa jiru seenaa Itiyoophiyaa keessatti sharafa alaa guddaa qusateera jedhan.

Itti dabaluunis, industiriiwwan oomisha biyya keessaa haala salphaa fi gatii madaalawaadhaan dhiyeessuun oomisha biyya alaa bakka bu’aa jiru jedhan.

Oomishaalee huccuu fi gogaa akka fakkeenyaatti kaasuun, dandeettiin teeknooloojii dijitaalaa biyyattii guddachaa dhufe adeemsa kana keessatti itti fayyadamuu isaa ibsaniiru.

Akkasumas hojiin qonna ammayyeessuun oomisha babal’isuun of nyaataan of danda’uu galmaan ga’uuf hojjetamaa jiru biyyoota Afrikaa biroof fakkeenya ta’uu akka danda’u, dhimmoonni mootummaan labsee fi irratti hojjechaa jiru kana caalaa jijjiirama gaarii kan fidan ta’uu ibsaniiru.

Yunivarsiitii Jimmaatti ogeessa diinagdee qonnaa fi qorataa kan ta’an Dr. Adabaa Gammachuu akka himanitti, Itiyoophiyaan midhaan akka qamadii fi ruuzii bal’inaan oomishuun oomishaalee biyya alaatii galfaman hir’isuu fi dhabamsiisuuf hojiiwwan milkaa’inaan raawwatteetti jedhani.

Oomishaalee biyya alaatii galfaman biyya keessaa uwwisuuf tattaaffiin taasifamaa jiru dargaggootaafi lammiilee hedduudhaaf carraa hojii bal’aa fi walitti hidhamiinsa gabaa uumaa jira jedhan.

Tattaaffiin kun hirkattummaa oomisha nyaataaf biyyoota alaa irratti qabnu hir’isuu fi wabii nyaataa biyyaalessaa mirkaneessuuf kan gargaaru ta’uu ibsuun, Itiyoophiyaan milkaa’ina qabatamaa kanaaf cimtee hojjechaa akka jirtu ibsaniiru.

Warshaalee babal’isuunis kaayyoo kana galmaan ga’uuf bu’uura ta’aa akka jiru hubachiisaniiru.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015