Qonnaan bultoonni adda duree Godina Baalee 700 ol ta’an bara bajataa kanatti qonna irraa gara invastimantiitti ce’aniiru - ENA Afaan Oromoo
Qonnaan bultoonni adda duree Godina Baalee 700 ol ta’an bara bajataa kanatti qonna irraa gara invastimantiitti ce’aniiru
Adoolessa 1/ 2018 (ENA): Naannoo Oromiyaa Godina Baaleetti bara bajataa kana keessatti qonnaan bultoonni adda duree 719 qonna irraa gara invastimantiitti ce’uu Waajjirri Invastimantii fi Industirii Godinichaa beeksise.
Qonnaan bultootaa fi waldaalee damee hojii isaaniitiin gara invastimantiitti milkaa’inaan ce’aniif jajjabinni kennamu kanaan ol fooyya’aa akka hojjetan kan isaan kakaasu ta’uu ibsaniiru.
Akka Itti Gaafatamaan Waajjira Invastimantii fi Industirii Godinaa obbo Mahaammad Ibroo dubbatanitti, Qonnaan bultoonni Godinichaa gara invastimantii damee hojii isaaniitti milkaa’inaan akka ce’aniif deeggarsi taasifamaa jira.
Haaluma kanaan bara baajataa Godinicha keessatti xumuramaa jiru kana keessatti qonnaan bultoonni adda duree 719 qonna irraa gara invastimantiitti ce’uun hayyama invastimantii argachuun hojii eegaluu isaanii agarsiisaniiru.
Qonnaan bultootaa fi intarpiraayizoonni waggoota darbanitti damee hojii isaaniitiin milkaa’ina kan argatan yoo ta’u, kaappitaala nama tokkoof Birrii miiliyoona 1.5 ol galmeessuun isaanii ni yaadatama.
Qonnaan bultootaa fi waldaaleen kunneen kaappitaala galmeessan Birrii biiliyoona 2.5’n gara invastimantiitti ce’uu isaaniis ibsaniiru.
Itti dabaluunis qonnaan bultoonni gara invastimantiitti ce’an kunniin gaafa guutummaan guutuutti hojiitti seenan lammiilee kuma 14 fi 400 ol ta’aniif carraa hojii dhaabbataa fi yeroof ni uuma jedhan.
Dameewwan hojii qonnaan bultoonni adda duree ta’an irratti bobba’anii turan omisha, tajaajila, industirii fi dameewwan biroo kan hammatu ta’uu ibsaniiru.
Qonnaan bultoota gara invastimantiitti ce’an keessaa tokko kan ta’an obbo Ibraahim Kadir hojii qonnaa irratti bobba’uudhaan qamadii fi midhaan biroo oomishuun milkaa’inaan gara invastimantiitti ce’uu isaanii dubbataniiru.
Amma lafa invastimantii argachuun sanyii baay’isuu qulqullina olaanaa qabu irratti bobba’uu himaniiru.
Waggoota darban damee qonnaa keessatti hojii milkaa’aa hojjataniif ragaa beekamtii argatan malees, bakki hojii akka onnachiiftuu invastimantiitti argatan kana caalaa akka hojjataniif isaan gargaaruu isaa kan himan immoo obbo Bayyan Mahaammadidha.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena