Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Kaabaa Magalaa Fiicheettii Pirojektoonni adda addaa xumuramuun Tajaajilaaaf banaa ta’an

Waxabajjii 30/2018(ENA) Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Kaabaa Magaalaa Fiicheetti pirojektoonni garaa garaa baajata mootummaafi Hirmaannaa uummataan birrii Miliyona 629 ijaaraman xumuramuun tajaajilaaf banaa ta’an.

Sirna eebbaa kanarrattis hoggantoonni mootummaa Oolaanoon argamaniiru.


Pirojektoota eebbifamuun tajaajilaaf ga’an Gamoo Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Godinichaa abbaa darbii afurii, Wiirtuun kenniinsa tajaajila iddoo tokkoo (Masoob),Waajjiraalee bulchiinsa Gandaa , Mana Barumsaa sadarkaa 1ffaa Magarsaa Badhaasaa fi kanneen biroon xumuraman bakka hoggantoonni olaanoon Naannoo,Godinaa fi Aanaa argamanitti eebbifamanii tajaajilaaf banaa ta’aniiru.

Sirna eebbaa kanarratti itti aanaan Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti obbo Awwaluu Abdii,Motummaan jijjiiramaa gaaffilee hawaasa deebisuuf hojii hojjetaa jiruun wiirtuu kenniinsa tajaajilaa iddoo tokkoo ‘Masoob’ daran babal'isuu irratti xiyyeeffannaa addaa kennaa jiraachuu ibsaniiru.


 

Pirojektoonni kunneen qulqullinaafi aariitiin ijaaramanii xumuramuun rakkowwan kanaan dura kenniinsa tajaajilaa irratti mul’achaa ture furuun fayyadamummaa hawaasaa kan mirkaneessan ta’uusaanii, Ministirri hogganaa damee gurmaa’insaa waajjira muummee paartii badhaadhinaa fi walitti qabaan koree qindeessaa dhaabbilee federaalaa obbo Fiqaaduu Tasammaa ibsaniiru.

Bulchaan Godina Shawaa Kaabaa obbo Kifaloo Adaree, Mootummaan rakkoo bulchiinsa gaarii furuu irratti fulleffatee hojjechuun pirojektoonni wiirtuu kenna tajaajila iddoo tokkoo ‘masoobii’fi ijaarsawwan mana Gandaa babal'isuun hawaasni tajaajila itti dhiyeenyaafi bakka tokkotti akka argatu ciminaan hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Jiraatoonni Godinichaa tokko tokko yaada kennaniin, pirojektoonni kun tajaajila si'ataa,haqa-qabeessaa fi qulqulluu kennuun fayyadamummaa isanii kan mirkaneessu ta’uu ragaan Komunikeeshinii Godina Shawaa Kaabaa irraa arganne ni mul’isa.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015