Dandeettii Omishtummaa Itiyoophiyaa caalaatti guddisuun qaala’insa jireenyaa hir'isuuf xiyyeeffannoodhaan ni hojjetama - ENA Afaan Oromoo
Dandeettii Omishtummaa Itiyoophiyaa caalaatti guddisuun qaala’insa jireenyaa hir'isuuf xiyyeeffannoodhaan ni hojjetama
Waxabajjii 30/2018 (ENA): Dandeettii Omishtummaa Itiyoophiyaa caalaatti guddisuu fi tarkaanfiiwwan adda addaa fudhachuun dhiibbaa qaala'iinsa jireenyaa hir'isuuf xiyyeeffannoodhaan akka hojjetamu Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsaniiru.
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad walga’ii idilee 30ffaa bara hojii waggaa 5ffaa Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa irratti raawwii hojii mootummaa bara baajataa 2018 ilaalchisee gaaffilee miseensota mana maricha biraa ka'aniif deebii fi ibsa kennaniiru.
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsa isaanii kanaan akka jedhanitti;mootummaan qaala'iinsa jireenyaa tasgabbeessuuf tarkaanfiiwwan hedduu fudhachaa jira.
Tarkaanfiiwwan jalqaba fudhataman keessaa tokko filannoo shammattootaa(gabaa)guddisuu yoo ta'u, kanaanis dhaqqabamummaa gabaa Sanbataa fi Dilbataa kuma 2 oliin qaqqabsiisuun akka danda'ame beksisaniiru.
Dhiibbaa qaala'iinsa jireenyaa salphisuuf mootummaan deeggarsa dinagdee olaanaa taasisaa jira kan jedhan Ministirri Muummee; keessattuu deeggarsi damee boba'aa irratti taasifamaa ture sadarkaa olaanaadhan dabaluu isaa beeksisaniiru.
Deeggarsi boba'aa kanaan dura ji'atti biliyoona 16 ture jechuun; yeroo ammaa kana biliyoona 20 dabaluun hamma deeggarsichaa ji'atti gara biliyoona 36tti guddisuu danda'amuu ibsaniiru.
Guddinni dinagdee biyyattii kutaalee hawaasaa hundaa akkaataa sadarkaa isaaniittii fi akka ifaajii isaaniitti fayyadamaa gochuu qabas jedhaniiru.