Misoomni Manaa Pirojeektii ijoo Mootummaati – Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Misoomni Manaa Pirojeektii ijoo Mootummaati – Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Waxabajjii 30/2018 (ENA): Misoomni manaa pirojeektii ijoo mootummaati jechuun Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan.
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad waggoottan jijjiiramaa darban keessatti manneen miiliyoona 1.2 ijaaramuu isaaniis beeksisaniiru.
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad walga’ii idilee 30ffaa bara hojii waggaa 5ffaa Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa irratti argamuun, raawwii hojii mootummaa bara baajataa 2018 ilaalchisee gaaffilee miseensota mana marichaa biraa ka'aniif deebii fi ibsa kennaniiru.
Ibsa isaanii keessattis gaaffii mana jireenya lammiilee deebisuuf hojiileen bal’aan hojjetamuu isaanii eeranii, dhimmi misooma manaa Misiraachoowwan gurguddoo Gubaa jiran keessaa tokko ta’uu fi mootummaan xiyyeeffannaa guddaadhaan irratti hojjechaa akka jiru dubbataniiru.
Haaluma kanaan, waggoottan torban darban qofa keessatti manneen miiliyoona 1.2 ijaaramuu isaanii eeraniiru.
Waggoottan shanan dhufan keessattis manneen miiliyoona 1.5 hariiroo mootummaa,dhunfaa fi akkasumas filannoowwan birootiin ijaaruuf karoorfamee sochiin bal’aan taasifamaa akka jiru himaniiru.
Kanas milkeessuuf imaammata manaa haaraan Mana Maree Ministirootaatiin ragga'uu kan kaasan Ministirri Muummee, ijaarsicha baadiyaa fi magaalaatti ariifachiisuuf tattaaffii guddaadhaan hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.
Saffisa ijaarsaa teeknoolojiidhaan deeggarame dabaluuf teeknoolojiiwwan ammayyaa akka '3D' gara hojiitti galaa akka jiran ibsaniiru.
Kana malees, dhiyeessii meeshaalee ijaarsaa babal’isuuf warshaaleen hedduun gara hojiitti galaa kan jiran yoo ta’u, hojjettoonni ijaarsaa damee kana irratti bobba’anis leenjii sirrii fudhatanii gara hojiitti seenaa akka jiran eeraniiru.
Mootummaan namoota yeroo tokkotti mana bitachuu hin dandeenyeef, kireeffachuun ykn galii isaanii ji'aa irraa kaffalaa deemuun yeroo dheeraa keessatti abbaa manaa kan itti ta'an sirna 'moorgeejii' diriirsuuf bal’inaan irratti hojjechaa akka jiru agarsiisaniiru.
Misoomni manaa jireenya lammiilee kan sirreessu, carraa hojii bal’aa kan uumuu fi dinagdee biyyattii kan kakaasu ta’uu isaa kaasuun, mootummaan damee kana akka pirojeektii misoomaa ijootti fudhatee irratti hojjechaa akka jiruu fi milkaa'inni isaas tattaaffii waliinii kan barbaadu ta'uu hubachiisaniiru.