Filannoon Waliigalaa 7ffaan Guddinaa fi kutannoo uummata Itiyoophiyaa kan agarsiisedha – Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Filannoon Waliigalaa 7ffaan Guddinaa fi kutannoo uummata Itiyoophiyaa kan agarsiisedha – Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad
Waxabajjii 30 /2018 (ENA): Filannoon waliigalaa torbaffaan uummanni Itiyoophiyaa guddinaa fi dandeettii qorumsa danda'uuf qabu kan agarsiisedha jedhan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad gaaffilee miseensota Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa biraa ka'aniif deebii fi ibsa kennaa jiru.
Ibsa kennaniinis, filannoon waliigalaa 7ffaan qaama siyaasaa barachuuf fedha qabu kamiyyuuf barumsa guddaa kan kenne, uummanni Itiyoophiyaa immoo ogummaa fi qabeenya kuufamaa jaarraa dheeraa kan qabu ta'uu isaa kan mirkaneessedha jedhaniiru.
Ministirri Muummee filannichi kanneen kanaan dura gaggeeffaman mara irraa adda kan isa taasisan keessaa gurguddoo ibsuun; mormitoonni ‘hin galmaa’iinaa, hin deeggarinaa fi hin filatinaa" jedhanii doorsisaa fi dhorkaa itti fe'an osoo hin sodaatin, uummanni gurmaayee bahuun hamma halkanitti kan filatee fi gootummaan guddaan kan keessatti argame ta'u ibsaniiru.
Qaamoleen filannoon kun akka hin milkoofne barbaadan, filannicharratti xiyyeeffatee socho'aa akka turan yaadachiisaniiru.
Humnoonni Baandotaa fi ergamtoota bobbaasan hundi filannoo waan hin jaallanneef, adeemsichi akka hin gaggeeffamneef waan danda'an mara gochuu isaanii ibsuun; ta'us hin milkoofneef jedhaniiru.
Uummanni Itiyoophiyaa rakkina ce'uu fi dhimmoota ogummaan dabarsuu beeku, qorumsa kana hundumaa ce'ee filachuu fi injifachuu isaatiif kabajni guddaan isaaf mala jedhaniiru.
Itiyoophiyaanonni sagalee tokkoon finxaalessummaa, gandummaa fi qomoon wal-qooduu hin barbaannu; biyya waliinii misoomsuu fi badhaadhomsuudha kan barbaannu dhaamsa jedhu filannichaan waliin calaqqisiisuu isaanii Ministirri Muummee ibsaniiru.
Yeroo filannichaa ijoolleen isaanii biyya fi mootummaa jabaataa fi nagaa qabu argachuu qabu ejjennoo jedhu kan qabatan Itiyoophiyaanonni miiliyoonaan lakkaa'aman, keessumattuu maanguddoonni, dhukkubsattoonni fi haadholiin, osoo rasaasni itti dhuka'uu kanaan osoo hin na’iin gara buufata filannoo deemuun sagalee isaanii kennuu isaanii yaadachiisaniiru.
Kutannoon lammiilee kun namoota filatamanii fi mootummaaf imaanaa guddaa kan kenne ta'uus ibsaniiru.
Uummanni jalqabbii keessan jaallanneerra; hattoota isin keessa jiran qulqulleessitanii, tajaajila fooyyessitanii, Itiyoophiyaa jabduu fi badhaate ijoollee keessaniif dabarsuu dandeessu carraa jedhu waan nuuf kenneef, uummata keenya sirriitti tajaajiluu itti-gaafatamummaa guddaa qabna jedhaniiru.
Seenaa filannoo Itiyoophiyaa fi Afrikaa keessatti, akkasumas qaamolee "filannoon nuun ala hin jiru" jedhanii, Paartiin Badhaadhinaa falmii fi mormii guddaa gaggeessuun murtoo guddaa dabarsuu isaa ifa taasisaniiru.
Haaluma kanaan, paartichi filannichaan teessuma parlaamaa dhibbantaa 85 irratti qofa dorgomuun, teessoo hafe dhibbenta 15 immoo paartilee dorgomtootaaf qofatti akka irratti dorgomaniif carraa kennuu isaa dubbataniiru.
Filannicharratti sagaleen hedduun akka hirmaatu fedhiin akka turee fi kanaanis paartileen siyaasaa dorgomtoota ta'an hedduun hirmaachuu isaanii ibsuun; waliigala filannichi nagaa, diimokiraatawaa fi Eeyyama uummataa kan argate ta'uun milkiidhaan xumurameera jedhaniiru.