Gareen ABUT duraanii dargaggoota Tigraay waraana Sudaan keessatti gaggeeffamaa jirutti gurguraa jira - ENA Afaan Oromoo
Gareen ABUT duraanii dargaggoota Tigraay waraana Sudaan keessatti gaggeeffamaa jirutti gurguraa jira
Waxabajjii 30/2018 (ENA): Gareen seeraan alaa ABUT dargaggoota Tigraay waraana Sudaan keessatti gaggeeffamaa jirutti gurguraa jiraachuu ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad himan.
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad gaaffilee miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa raawwii hojii mootummaa bara baajataa 2018, yaa’ii idilee 30ffaa bara hojii waggaa 5ffaa ilaalchisee kaasaniif deebii kennaa jiru.
Naannoo Tigraay ilaalchisee ibsa kennaniin MM Dr. Abiyyi Ahimad akka dubbatanitti, Waliigaltee Nageenyaa Piriitooriyaa dhimma salphaa osoo hin taane tarkaanfii guddaa nagaa waaraa ijaaruuf fudhatamedha jedhani.
Carraan kun kan argame naannoo Tigraay keessatti bulchiinsi yeroo hundeeffamee, bu’uuraaleen misoomaa jeequmsaa fi miidhaman deebisuuf ta’uu ibsaniiru.
Piritooriyaan akka mariitti ilaalamuu hin qaba kan jedhan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi, mootummaan nageenya buusuuf gatii guddaa akka kaffale ibsaniiru.
Haa ta'u malee, warri naannicha keessatti nageenya hin barbaanne ammas jireenya nagaa ummata Tigraay booressaa akka jiran dubbataniiru.
Humnoonni nageenya diiguu kunneen maatii ofii Finfinnee, biyya alaa nagaa fi tasgabbiin eegaa kan jiran yoo ta’u, lubbuu namoota qulqulluu naannichaa irratti hookkara geessisaa akka jiran himaniiru.
Keessattuu yeroo ammaa kana dargaggoonni Tigraay hedduun garee wayyaanee seeraan ala Sudaan keessatti butamanii waraanaaf gurguramaa akka jiran ibsaniiru.
Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad tarkaanfiin kun hatattamaan dhaabbachuu qaba kan jedhan yoo ta’u, harki mootummaan nagaaf diriirfame jabaa ta’uu mirkaneessaniiru.
Kana malees, hidhattoonni kuma 60 gadi hin taane kaffaltii (DDR) erga argataniin booda raayyaa ittisa biyyaa irraa gad lakkifamuu, hidhamtoonni fi booji’amtoonni hedduun akka gadi lakkifaman ibsaniiru.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena