Waliigalteen Nageenyaa Piriitooriyaa nageenya waaraaf gatii guddaa kaffalamedha - Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Waliigalteen Nageenyaa Piriitooriyaa nageenya waaraaf gatii guddaa kaffalamedha - Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Waxabajjii 30/2018 (ENA): Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Waliigaltee Nageenyaa Piriitooriyaa gatii guddaa nageenyaaf waaraaf kaffalame ta’uu ibsan.
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad gaaffilee miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa raawwii hojii mootummaa bara bajataa 2018 ilaalchisee kaasaniif deebii fi ibsa kennaa kennaa jiru.
Kanuma waliin Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsa isaanii keessatti Waliigaltee Nageenyaa Piriitooriyaa ilaachisuun ibsa kennaniin, waliigalteen nageenyaa kun nagaa waaraa fiduu fi walitti bu’iinsa Itiyoophiyaa keessatti dhaabbachuuf gatii guddaa kaffalamedha jedhani.
Naannoo Tigraayitti mootummaan yeroo hundeeffamu eeruun, Hidhattoota deebisanii dhaabuu hidhattoota duraanii kuma 60 ol leenjisuu fi deebisanii dhaabuun akka raawwatame ibsaniiru.
Bu’uuraalee misoomaa fi dhaabbilee hawaasummaa naannicha keessa jiran deebisanii ijaaruun ummanni fayyadamoo akka ta’uuf tattaaffiin taasifamaa jira jedhan.
Naannichatti ammas tattaaffiin nageenya booressuu akka jiru eeruun, ummanni Tigraay karaa nagaa bahee fi bahuu akka hin dandeenyee fi rakkoon kun hammaataa dhufuu dubbatani.
Warri jeequmsa kakaasan ijoollee isaanii biyya alaa fi Finfinnee keessa kaa’anii, dargaggoota Tigraay hedduu waraana Sudaan keessatti hirmaachisuun fi kasaaraa guddaa irraan geessisaa akka jiran hubachiisaniiru.
Ministirri Muummee ibsa kennaniin, waraana kakaasuuf irra deddeebiin tattaaffiin godhamus, mootummaan obsaan irra darbaa jira jedhan.
Madda nageenya booressan mootummaan akka gaariitti akka beeku ibsaniiru, rakkoo kana madda irraa maqsuuf tarkaanfii barbaachisu akka fudhatu himaniiru.
Mootummaan birmadummaa Itiyoophiyaa fi nageenya waaraa hundeessuuf dandeettii amanamaa akka qabus ibsaniiru.
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad humnoonni nageenyaa fi seera kabachiisan biyyattii yeroo kamuu caalaa dandeettii lakkoofsa, qulqullinaa fi teeknooloojiin qaban ijaaruun haala kamiinuu ejjennoo nageenya qabu keessa akka jiraatan mirkaneessaniiru.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena