Mariin Biyyaalessaa rakkoolee jaarraa hedduuf kuufamaa turan furuun waliigaltee hawaasummaa waloo haaraa bocuufi - Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Mariin Biyyaalessaa rakkoolee jaarraa hedduuf kuufamaa turan furuun waliigaltee hawaasummaa waloo haaraa bocuufi - Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Waxabajjii 30/2018 (ENA): Mariin Biyyaalessaa rakkoolee jaarraa hedduuf kuufamaa turan hiikuu fi waliigaltee hawaasummaa waloo haaraa bocuuf akka ta’e Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsaniiru.
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad gaaffilee miseensonni mana maree bakka bu'oota ummataa ka'aniif deebii kennaa jiru.
Ibsa isaanii keessatti Ministirri Muummee akka jedhanitti, Mariin Biyyaalessaa rakkoolee jaarraa hedduuf kuufaman furuu fi waliigaltee hawaasummaa waloo haaraa bocuudha.
Carraan marii amma argame hedduun, akka salphaatti ilaalamuu akka hin qabnee fi sirnaan itti fayyadamuu akka qabu hubachiisaniiru.
Carraan tokko yeroo dhufutti sirriitti itti fayadamuun barbaachisaadha kan jedhan mimistirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad, erga darbee gaabbuu, akkasumas osoo lubbuun jirruu osoo hin beekiin yeroo lubbuun darbu faarsuun amala badaa jijjiiramuu qabu dha jedhani.
Mariin biyyaalessaa kun ariitiin gaggeeffamaa akka hin jirree fi manni marichaaf yeroon dabalataa kennameefii of eeggannoodhaan qajeelfamni taasifamaa akka jiru ibsaniiru.
Mariin kun hirmaannaa qindaa’ee fi ajandaa hawaasa hundarraa madda waan ta’eef, adeemsa gatii guddaa qabuu fi Itiyoophiyaa qofaaf osoo hin taane guutuu Afrikaaf fakkeenya ta’ee tajaajiluu danda’u ta’uu ibsaniiru.
Akkasumas kaayyoon marii kanaa inni guddaan rakkoolee waggoota darban keessatti kuufaman irratti waliin mari’achuu akka ta’e, akkasumas bakka waliigalteen hawaasummaa haaraan hojiirra ooluu danda’u ta’uu hubachiisaniiru.
Rakkooleen marii kanaan furaman kan duraan turan malee kan haaraa uumaman miti; rakkoon jiru taateewwan seena qabeessa mootummaa ammaa kana mudataniidha jedhani.
Kanaaf miseensonni paartilee wal morkatanii fi namoonni siyaasaa biyya alaa jiraatan karaa fi ilaalcha jallate keessaa bahanii rakkoolee jiran waliin hiikuuf gahee isaanii akka bahatan waamicha dhiyeessaniiru.
Komishiniin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa yaada ummataa qindeessee mootummaaf akka dhiyeessu akeekuun, mootummaan yaadota dhiyaatan irraa barachuun dhimmoota fooyya’uu qaban waliin raggaasisuun waliigaltee biyyaalessaa akka uumu mirkaneessaniiru.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena