Filannoon bara kanaa nama fedhii barachuu qabu kamiifuu barnoota sadarkaa olaanaa kenneera - Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Filannoon bara kanaa nama fedhii barachuu qabu kamiifuu barnoota sadarkaa olaanaa kenneera - Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Waxabajjii 30/2018 (ENA): Filannoon waliigalaa torbaffaa bara kana gaggeeffame nama barachuuf fedhii qabu kamiifuu barnoota sadarkaa olaanaa akka argamsiise Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsaniiru.
Yaa’iin idilee 30ffaa mana maree bakka bu’oota ummataa bakka MM Dr. Abiyyi Ahimad argamanitti gaggeeffamaa jira.
Ministirri Muummee Dootar Abiyyi Ahimad gaaffii fi yaada miseensonni mana marichaa dhiyueessaniif deebii fi ibsa kennaa jiru.
Filannoo waliigalaa torbaffaa ilaalchisee deebii fi ibsa kennaniin ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad filannoon bara kanaa nama barachuuf fedhii qabu kamiifuu barnoota sadarkaa olaanaa argamsiiseera jedhan.
Lammiileen Itiyoophiyaa, maanguddoonni, haadholiin da'anii fi namoota dhukkubsatan dabalatee, haala mijataa hin taane keessattillee, filannoo kana irratti dammaqinaan hirmaachuun isaanii, lammiileen Itiyoophiyaa yaada isaanii sagalee tokkoon ibsachuu isaanii agarsiisa jedhaniiru.
Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad filannoo kana irratti hirmaannaa ummataa guutuu galateeffatanii, filannoon kun haleellaan kan irratti xiyyeeffatame aka tureibsaniiru.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena