Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad yaa'ii idilee 30ffaa mana maree bakka bu'oota ummataa waggaa 5ffaa irratti deebii fi ibsa kennaniin qabxiilee ijoo kaasan keessaa: - ENA Afaan Oromoo
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad yaa'ii idilee 30ffaa mana maree bakka bu'oota ummataa waggaa 5ffaa irratti deebii fi ibsa kennaniin qabxiilee ijoo kaasan keessaa:
Filannoo ilaalchisee:
Filannoon dhaaba siyaasaa kamiifuu barumsa barsiise gaggeeffameera.
Ummanni Itiyoophiyaa akka hin galmoofne, hin deeggarre, hin filanne jedhamee, doorsisa dhiisee, filannoo kana irratti dammaqinaan hirmaateera.
Filannoon akka hin adeemsifamneef qaamonni filannoo hin barbaanne ummata filachuuf bahe irratti dhukaasa bananiiru; garuu ummanni biyya isaa jaalatu kanas osoo hin sodaatiin bahee filateera; kanaaf filannichas milkeesseera.
Ummanni Itiyoophiyaa harka tokkummaan egeree biyya isaatiif gumaacha taasiseef kabaja guddaa qaba.
Itiyoophiyaanonni waan biyya isaaniif gaarii ta'e sagalee tokkoon beeksisaniiru; waan biyya isaaniif hin tolle hin fudhatani.
Maanguddoonni, haadholiin dahan dahumsa irraa ka’uun, namoonni dhukkubsatan, Itiyoophiyaanonni haala mijataa hin taane keessattillee, yeroo rasaasni itti dhukaafamaa turettillee filannoo kana irratti dammaqinaan hirmaataniiru.