Tamsaasa Kallatti:

Gaaffilee fi yaadota miseensonni Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa Ministira Muummicha Dr.Abiyyi Ahimad tiif dhiheessan keessaa :

✍️Gaaffiin biyyattiin Hulaa galaanaa argachuuf dhiheessitu sirrii fi adeemsa badhaadhina waaraa uummata keenyaatiif murteessaadha. Kuni maalirra gaheera?

✍️Dandeettii Itiyoophiyaan damee Tuurizimiitiin qabdu guddisuuf pirojektoonni gurguddoon hojjetamaa jiran, Itiyoophiyaa sadarkaa Idil-addunyaatti dorgomaa kan taasisanidha.

✍️Naannoolee biyya keenya adda addaatti uummatni bilisummaan akka nagaan socho'uuf haala mijeessuu irratti, mootummaan olaantummaa seeraa kabachiisuuf kallattii akkamii qabatee jiraa?

✍️Dandeettii bu'uuraalee misoomaa biyyattiitti guddisuuf, keessumattuu babal'ina fi qulqullina daandiiwwanii fooyyessuu irratti xiyyeeffannoon kennamuu qaba.

✍️ Mootummaan faayidaa biyyaalessa Itiyoophiyaa kabachiisuuf kallattii hordofaa jiru irratti ibsi osoo kennamee.

✍️Damee fayyaatiin hanqina dhiheessii qorichaa fi tajaajila kenninsa irratti mul'atan furuuf, tarkaanfiiwwan qabatamaa akkamii fudhatamaa jiru?

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015