Gaaffii fi yaada miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiif dhiyeessan keessaa: - ENA Afaan Oromoo
Gaaffii fi yaada miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiif dhiyeessan keessaa:
Itiyoophiyaatti hojiin rakkoo ummataa hiikuu fi pirojektoota misoomaa gurguddaa ijaaruun badhaadhina biyyattii mirkaneessuuf hojjetamaa jiru kan galateeffatamudha
Itiyoophiyaa keessatti ijaarsa nageenyaa itti fufiinsa qabu cimsuuf kallattii maaltu kaa’ame?
Kallattii mootummaan qaala'iinsa jireenyaa fi gatii meeshaalee biyyattii keessatti mul'atu hir'isuuf fudhate yoo jiraate nuuf ibsaa
Filannoon biyyaalessaa 7ffaa milkaa'inaan xumuruun Itiyoophiyaaf hiika guddaa qaba
Nageenyaa fi tokkummaa biyyattii booressuuf qaamota hojii baandaan walqabatan irratti bobba'an mootummaan akkamiin ilaala?
Faayidaan pirojektoota sadarkaa biyyaatti hojjetamaa jiran ol’aanaa ta’us dhimmi lammiilee naannoo irraa misoomaaf kaafaman akkamiin ilaalama?
Mootummaan misooma magaalaa dagaagsuuf tattaaffiin gochaa jiru badhaadhina biyyattiif bu'aa buusuu qofa osoo hin taane, biyyoota Afrikaa birootiifis fakkeenya ta'ee tajaajila.
Dhimma hoji dhabdummaa dargaggootaa haala itti fufiinsa qabuun furuuf maaltu hojjetamaa jira?
Rakkoo kiraa manaa magaalota keessatti mul'atu furuuf tattaaffiin taasifamaa jiru ilaalchisee ibsa osoo kennitanii.