Naannichatti Oomishaalee galii qonnaan-bulaa guddisanii fi daldala Al-ergiif oolan bal'inaan oomishuuf xiyyeeffannoon kennameera - ENA Afaan Oromoo
Naannichatti Oomishaalee galii qonnaan-bulaa guddisanii fi daldala Al-ergiif oolan bal'inaan oomishuuf xiyyeeffannoon kennameera
Waxabajjii 29/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaatti oomishaalee galii Qonnaan-bulaa guddisanii fi gabaa Al-ergiif oolan bal'inaan oomishuuf xiyyeeffannoon kennamuusaa Hogganaan Biiroo Komunikeeshinii Naannichaa Obbo Haayiluu Addunyaa ibsan.
Naannichatti Godina Shawaa Bahaa Aanaa Bosetitti hojiin omisha boloqqee kilaateraan facaasuu bakka hoggantoonni Naannoo, Godinaa fi Aanaa argamaniin eegalameera.
Wayita sana Hogganaan Biirichaa Obbo Haayiluu Addunyaa, naannichatti omishtummaa qonnaa dachaan dabaluu cinaatti, galii qonnaan-bulaa guddisuuf oomishaalee Al-ergiirratti xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Hojiin har'a Aanaa Boset Ganda Dongoree Ciyoositti ,boloqqee kilaasteraan facaasuun jalqabame kun agarsiistuu kanaaf ragaa tokko ta'uusaa eeranii, muuxannoowwan gaggaariin akkasii akka babal'atan ni taasifama jedhaniiru.
Keessattuu, qonnaan-bultoonni naannichaa galii qonna irraa argatan caalaatti akka guddisaniif, oomishaalee dibataa ooyruusaaniirratti kilaasteraan akka misoomsan xiyyeeffannoon akka hojjetamu ibsaniiru.
Bulchaan Godina Shawaa Bahaa Obbo Abbaabuu Waaqoo gama isaaniitiin, godinichatti waggaa darbe lafa hektaara kuma 90 ta'u irratti oomishaaleen dibataa facaafamuu isaanii yaadachiisanii, bara kana gara hektaara kuma 130tti guddisuuf karoorfamuu dubbataniiru.
Hojii eegalame caalaatti bu'a-qabeessa gochuuf galteewwan qonnaa hundi yeroon akka qoonnaan -bulaa qaqqabu taasifamuusaa ibsaniiru.
Bulchaan Aanaa Booset Obbo Guutamaa Biiftuu gama isaaniitiin, lafa qonna gannaaf qophaa'e hektaara kuma 64 keessaa lafti hektaarri kumni 58 lafa kilaasteraan kan misoomu ta'u ibsaniiru.
Aanichatti oomisha boloqqee ooyruu qonnaan bulaarratti kilaasteraan misoomu irraas hektaara tokko irraa hanga kuntaala 30 argachuuf karoorfamuus dubbataniiru