Tamsaasa Kallatti:

Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Boru Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataarratti argamuun ibsaa fi deebii ni kennu

Waxabajjii 29/2018 (ENA): Ministirri Muummeen Dr. Abiyyi Ahimad Boru Waxabajjii 30,bara 2018 gabaasa raawwii hojii mootummaa kan bara baajataa 2018 Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataaf akka dhiyeessan ibsame.

Akka Heera Mootummaa RDFI keewwata 55 keewwata xiqqaa 17 fi Labsii Naamusaa fi Hoojimaata Mana Marichaa lakkoofsa 6/2008 keewwata 81 keewwata xiqqaa 1 fi 3 bu'uura godhateen, Manni Marii Bakka Bu'oota Ummataa RDFI Muummee Ministiraa fi hoggantoota mootummaa federaalaa biroo gaaffiif waamuu, akkasumas hojimaata qaama raawwachiisaa qorachuu, hordofuu fi to'achuuf aangoo qaba.

Bu'uura Heera Mootummaa fi dambii hojimaata fi naamusaa miseensota mana marichaa kanaan, Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa RDFI 6ffaan bara hojii waggaa 5ffaa, Walgahii Idilee 30ffaa Kibxata Waxabajjii 30 bara 2018 gaggeessuun, Ministirri Muummeen Dr.Abiyyi Ahimad mana marichatti argamuun gabaasa raawwii karoora bara baajataa 2018 mootummaa fi baajata waggaa kan bara baajataa 2019 irratti gaaffilee miseensota mana marii irraa ka'aniif ibsaa fi deebii ni kennu jedhamee eggama.

Haaluma kanaan, manni marichaa gabaasaa fi yaada murtoo Koreen Dhaabbataa Dhimmoota Pilaanii, Baajataa fi Faayinaansii wixinee baajataa bara 2019 ilaalchisee dhiyeessu qorachuun labsii baajataa ni  raggaasisa jedhamee akka eegamu ragaan mana marichaa irraa argame ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015