Hojiiwwan milkaa'oon bara baajataa kanaan ministeerichaa fi dhaabbilee itti waamamaa ta'aniin raawwataman guddina damee kanaaf dandeettii guddaa uumaniiru - ENA Afaan Oromoo
Hojiiwwan milkaa'oon bara baajataa kanaan ministeerichaa fi dhaabbilee itti waamamaa ta'aniin raawwataman guddina damee kanaaf dandeettii guddaa uumaniiru
Waxabajjii 29/2018 (ENA): Bara baajataa kanatti Ministeera Daldalaa fi walitti hidhaminsa naannawaa fi dhaabbilee itti waamamaa ta'aniin hojiiwwan milkaa'oon hedduun raawwataman galmawwan karoorfaman milkeessuu bira dabree, guddina damee kanaatiif dandeettii guddaa kan uuman ta'uu Ministirri Daldalaa fi walitti hidhaminsa naannawaa Dr. Kaasahuun Gofee ibsaniiru.
Ministeerri Daldalaa fi Walitti hidhaminsa naannawaa dhaabbilee itti waamamaa waliin ta'uun raawwii karoora bara baajataa 2018 gamaggamaa jira.
Waltajjicharratti haasaa kan taasisan Ministirri Daldalaa fi walitti hidhaminsa naannawaa Dr.Kaasahuun Gofee, bara baajataa kanatti ministeerichaa fi dhaabbilee itti waamamaa ta'aniin raawwiin karooraa hojii galmaa’e baay'ee olaanaafi milkaa'aa akka ture addeessaniiru.
Hojiiwwan biyyaalessaa hedduunis bara kana keessa kan karoorfamee olitti milkaa’inni olaanaan akka itti galmaa’e eeraniiru.
Riifoormiin dhaabbataa milkiidhaan raawwatamuusaa eeranii, hojjettootaaf naannoo hojii mijataa uumuu birattis hojiileen jajjabeessoon raawwatamuu isaanii dubbataniiru.
Keessattuu, kenninsa tajaajila dhaabbatichaa fooyyessuuf hojiileen ijaarsa dandeettii raawwataman bu'a qabeessa ta'uu kaasanii; ministeerichii fi dhaabbileen itti waamamaa ta'an tajaajiloota kennan guutummaatti gara sirna dijiitalaatti ceessisuu danda'uu isaanii eeraniiru.
Haaluma kanaan, hayyama daldalaa, galmeessa, fooyya'iinsaa fi haaromsuu waliin kan walqabatan tajaajiloota miiliyoona 3.4 ol ta'an toora intarneetiin kennuun danda'ameera jedhaniiru.
Sirna daldalaa ammayyeessuu fi daldala al- ergii guddisuuf ilaalchisees hojiileen damee hedduu raawwatamuu kan ibsan ministirichi; milkaa’inoonni kunneen biyyattiin bara baajataa kanaan daldala ala-ergiirraa galii doolara biiliyoona 10.7 argachuuf karoorfatte milkeessuuf kan dandeessisanii fi dandeettii guddaa kan uuman ta'uu ibsaniiru.
Dabalataan, wiirtuulee gabaa ammayyaa babal'isuun hojiileen jajjabeessoon raawwatamuu isaanii fi yeroo ammaa kana lakkoofsi wiirtuulee kanaa 31 ol gahuusaa dubbataniiru.
Kanaan walqabatee, ijaarsi wiirtuulee gabaa loonii Sadarkaa lammaffaa 10 kan eegalame yoo ta'u, isaan keessaa lamaan isaanii xumuramanii bara baajataa kanaan tajaajilaaf banaa ta'uu isaanii beksisaniiru.