Konfiraansii marii biyyaalessaa guddicha haala milkaa’ina qabuun adeemsisuuf qophiin gahaan taasifameera - Koomishinara Olaanaa Marii Biyyaalessaa Piroofeesar Masfin Ara’ayaa - ENA Afaan Oromoo
Konfiraansii marii biyyaalessaa guddicha haala milkaa’ina qabuun adeemsisuuf qophiin gahaan taasifameera - Koomishinara Olaanaa Marii Biyyaalessaa Piroofeesar Masfin Ara’ayaa
Waxabajjii 29/2018 (ENA): Konfiraansii marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa guddicha milkaa’inaan gaggeessuuf qophiin gahaan taasifamuu isaa Koomishinarri Olaanaan Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Piroofeesar Masfin Ara’ayaa ibsaniiru.
Komishinarri Olaanaa Piroofeesar Masfin Ara’ayaa, konfiraansii marii biyyaalessaa ijoo Adoolessa 8 irraa eegalee gaggeeffamuuf qophii duraa ilaalchisee ibsa miidayaaf kennaniiru.
Ibsa isaanii keessatti, waliigalatti bakka bu’oonni aanaalee, naannoo, federaalaa fi lammiilee Itiyoophiyaa biyya alaa jiraatan kuma 4 ta’an konfiraansii biyyaalessaa guddicha Giddugala Walgahii addi konveenshi keessatti gaggeeffamu irratti akka hirmaatan beeksisaniiru.
Marii Giddugala Konveenshinii Addisitti gaggeeffamu kana irratti hirmaattota argamaniif haalli mijataan kan qophaa'e yoo ta'u, keessattuu dhimmootni hirmaattotaaf barbaachisoo ta'an hundi qophaa'uu Komiishinar Masfin ibsaniiru.
Hirmaattota kutaalee biyyattii adda addaa irraa dhufaniif, komishinichi namoota tajaajila tolaa kennan waliin qindoomuun deeggarsa barbaachisu hunda akka kennus eeraniiru.
Hirmaattonni kun Adooleessa 1 irraa jalqabee gara Finfinneetti seenuu akka jalqabanis ibsameera.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena