Manni Maree Federeeshinii raawwii hojii koreewwan dhaabbataa qoratee raggaasise - ENA Afaan Oromoo
Manni Maree Federeeshinii raawwii hojii koreewwan dhaabbataa qoratee raggaasise
Waxabajjii 29/2018 (ENA): Manni Maree Federeeshinii raawwii hojii koreewwan dhaabbataa qoratee raggaasiseera.
Manni maree Federeeshinii yaa'ii idilee isaa lammaffaa gaggeessaa jira.
Ganama har’aa Manni marichaa gabaasa raawwii hojii koreewwan dhaabbii dhimma baajata deeggarsa fi galii waloo, akkasumas hiika Heera Mootummaa fi hordoffii raawwii murtiiwwan bara bajataa 2018 qoratee, mari’atee raggaasiseera.
Miseensonni mana marichaa gabaasa raawwii hojii koreewwan dhaabbiitiin dhiyaatan irratti gaaffilee fi yaada adda addaa kan dhiyeessan yoo ta’u, hoggantoonni koreewwaniis deebii fi ibsa kennaniiru.
Af-yaa’ii mana maree Federeeshinii Aaganyoo Tashaagar, gabaasa raawwii hojii dhiyaate kan dhiyeessan yoo ta’u, Manni marichaa sagalee guutuun raggaasiseera.