Tamsaasa Kallatti:

Wiirtuun kenninsa Tajaajila iddoo tokkoo ‘Masoob’ Magaalaa Shaambuutti eebbifamuun hojii eegale

Waxabajji 29/2018 (ENA): Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Magaalaa Shaambuutti wiirtuu kenninsa tajaajila iddoo tokkoo ‘Masoob’ xumuramuun eebbifamee tajaajilaaaf banaa ta’uun ibsameera.

Bulchaan Godina Horroo Guduruu Wallaggaa obbo Mirreessaa Fiixee sirna eebbaa kanarratti tajaajilli wiirtuu tokkoo ‘Masoob’ haqummaa fi amanamuummaa akkasumas walqixxummaan tajaajila si'ataa, qulqulluu uummanni Mootummaa irraa barbaadu kennuuf murteessaa ta'uu ibsaniiru.


Mootummaan Inisheetiviiwwan fayyadamummaa uummataa mirkaneessan hojiirra oolchaa kan jiru yommuu ta'u, Inisheetiviin Tajaajila iddoo tokkotti karaa ammayyaa'aa ta'een hawaasatti siquun Tajaajila Walqixaa kennuu irrattis xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuus himaniiru.

Kantiibaan Magaalaa Shaambuu obbo Nagaroo Baanee ‘Masoob’ tajaajilli wiirtuu tokkoo kenninsa tajaajila ammayyeessuun rakkoolee bulchiinsa gaarii turan furuun amantaa uummanni mootummaarraa qabu kan dabalu ta'uu himaniiru.


Masoob tajaajila wiirtuu tokkoon Tajaajiloota sekterootaa mootummaa fi dhaabbilee dhuunfaan hawaasaaf kennaman 90 foddaawwan 12'n tekinoloojiin deeggaruun kennamuu har’a eebbifamuun hojii eegale rakkoowwan ammaan dura turan akka furu ibsaniiru.

Tajaajilli Wiirtuu tokkoo ‘Masoob’ hojii eegaluun deddeebii fi qisaasama yeroo hambisuun tajaajila qulqulluu fi ammayya'aa ta'e kan isaaniif kennu ta'uu jiraattootni Magaalaa Shaambuu sirna eebbaa kanarratti argaman himaniiru jechuun Waajjrri Komunikeeshinii Godina Horroo Guduruu gabaaseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015