Miidiyaaleen nageenya ijaaruu keessatti gahee isaanii cimsuu qaba - ENA Afaan Oromoo
Miidiyaaleen nageenya ijaaruu keessatti gahee isaanii cimsuu qaba
Waxabajjii 29/2018 (ENA): Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Dr. Yoonaas Adaayee akka jedhanitti, miidiyaaleen nageenya ijaaruuf gumaacha qaban cimsuu akka qaban ibsaniiru.
Komishinichi marii biyyaalessaa milkeessuu keessatti gahee miidiyaan taphachuu danda’u irratti ogeessota miidiyaaf leenjii kennaa jira.
Baniinsa leenjii kanaa irratti Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Dr. Yoonaas Adaayee akka jedhanitti, miidiyaaleen nageenya ijaaruu keessatti gahee isaanii cimsuu akka qaban ibsaniiru.
Waliigaltee biyyaalessaa uumuu fi dantaa biyyaalessaa kabachiisuuf midiyaan meeshaa murteessaa fi ijoo ta’uus hubachiisaniiru.
Hojiin miidiyaa odeeffannoo kennuu kuni, hojii dhala namaa baraaruu ta’uu eeruun, odeeffannoo sirrii ta’e akka argatan gochuudhaan sochiiwwan guyyaa guyyaa hawaasaa karaa gaariin qajeelchuu keessattis miidiyaaleen gahee olaanaa akka qaban hubachiisaniiru.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena