Bulchiinsichatti gaaffilee misoomaa fi bulchiinsa gaarii uummataa karaa qindaa’een furuun bu’aawwan qabataan argamaniiru - ENA Afaan Oromoo
Bulchiinsichatti gaaffilee misoomaa fi bulchiinsa gaarii uummataa karaa qindaa’een furuun bu’aawwan qabataan argamaniiru
Waxabajjii 29/2018 (ENA): Bulchiinsa Dirree Dhawaatti gaaffilee misoomaa fi bulchiinsa gaarii ka’an hojmaata qindaa’een deebisuun bu’aawwan qabatamaan galmaa’uusaanii Kantiibaan Bulchiinsichaa obbo Kadir Juhaar ibsani.
Manni Maree Bulchiinsa Dirree Dhawaa bara hojii 3ffaa waggaa 5ffaa yaa’ii idilee 12ffaasaa gaggeessaa jira.
Kantiibaa bulchiinsichaa obbo Kadir Juhaar gabaasa raawwii hojii bara baajataa 2018 mana mareef dhiheessaa jiru.
Akka Gabaasa isaaniin ibsanitti, gaaffilee bu’uuraa misoomaa fi bulchiinsa gaarii jiraattota bulchiinsichaa karaa qindaa’een furuuf xiyyeeffannoon hojjetameera.
Bara kana dabalatee hojiileen waggoottan shanan darban keessa raawwataman gaaffilee kana deebisuu irratti bu’aawwan qabatamaan kan argaman ta’uu kaasaniiru.
Keessattuu, hojiileen bu’uuraalee misoomaa uummataa gara oomishtummaatti ceessisuuf raawwataman, pirojektonni jallisii fi bishaanii gaaffilee uummata baadiyyaa qabatamaan kan deebisan ta’uusaanii ibsaniiru.
'Masoob' Tajaajilli wiirtuu tokkoo gaaffilee bulchiinsa gaarii baroota dheeraa hiikuu akka dandeessise dubbataniiru.
Misoomni koriidaraa qindaa’aan raawwatames magaalattii jireenyaa fi investimantiif filatamaa gochaa jiraachuus himaniiru.
Waggoottan darban keessa damee investimantiitiin hojiileen raawwataman magaalattii wiirtuu industirii fi tajaajilaa taasisaa jiraachuu kaasanii, tarkaanfii hojiiwwan bu’aa qabeessaa fi qabatamaa kana gara sadarkaa olaanaatti ceessisuun cimee akka itti fufu ibsaniiru.
Manni Maree Bulchiinsa Dirree Dhawaa bara hojii 3ffaa waggaa 5ffaa yaa’ii idilee 12ffaasaan raawwii karooraa kantiibichi dhiheessan irratti mari’achuun gabaasicha ni raggaasisa jedhamee eegama.
Yaa’iin guyyoota lamaaf gaggeeffamu kun gabaasicha malees raawwii karoora dhaabbilee mana mareef itti waamama ta’anii fi baajata bara baajataa 2019 Bulchiinsa Dirree Dhawaa irratti mari’achuun ni raggaasisa jedhamees eegama.