Tamsaasa Kallatti:

Manneen murtii naannoo Hararii keessatti teeknooloojii dijitaalaa hojiirra oolchuun, sirni kenniinsa haqaa gahumsa qabu akka diriiru taasiseera

Waxabajjii 29/2018 (ENA): Manneen murtii naannoo Hararii keessatti teeknooloojii dijitaalaa hojiirra oolchuun, sirni kenniinsa haqaa gahumsa qabu akka diriiru taasiseera jechuun Manni Murtii Olaanaa naannichaa ibseera.

Manneen Murtii Olaanaa federaalaa fi naannolee sirna kenniinsa haqaa Itiyoophiyaa dhaqqabamaa, gahumsaa fi iftoomina qabu taasisuuf teknooloojii hojiirra oolchuuf karoora bal’aa qabatanii hojjechaa turaniiru.



Keessattuu, harkifannaa galmee dhimmootaa, hojmaata badaa kenniinsa tajaajilaa fi addaan cituu tajaajilaa hojmaata harkaan walqabatee dhufu furuuf dijiitaalaayizeeshiniin akka furmaata ijootti fudhatameera.

Manni Murtii Waliigalaa Naannoo Harariis ce’umsa teeknooloojii kana manneen murtii naannichaa keessatti hojiirra oolchuun iyyannoo dhimmaa, bulchiinsa galmee fi murtii mana murtii dijiitaalaan ilaaluuf hojii bal’aa hojjechaa tureera.

Pireezidaantiin Mana Murtii Waliigalaa Naannichaa obbo Salaahiddiin Toofiq turtii ENA waliin taasisaniin, Jijjiirama dameelee naannichaa hunda keessatti galmaa’e manneen murtii keessatti hojiirra oolchuuf hojjetameera jedhani.
Keessattuu, hojmaatni waraqaa irratti hundaa’e sirna dijitaalaatiin bakka bu’uun rakkoolee qulqullina tajaajila abbaa seerummaa waliin walqabatan dhaabbataadhaan hiikuun tajaajila saffisaa fi bu’a qabeessa ta’e mirkaneessuuf kan gargaare ta’uu eeraniiru.




Bara baajataa kana keessatti galmeewwan kuma 10 ol manneen murtii naannichaa sadaniif dhiyaatan keessaa kuma 9 fi 500 irratti murtiin kennameera jedhan.
Milkaa’inni kun kan argame hojmaata adda addaa manneen murtii teeknooloojii dijitaalaatiin deeggaruun hawaasa fayyadamtootaaf haala mijataa uumuun ta’uu ibsaniiru.

Manni murtichaas seera naamusa abbaa seerummaa jalqaba bara bajataa irratti fooyyessee hojiirra oolchuun sarbama naamusaa fi naamusaa furuun itti gaafatamummaa akka mirkaneessu hubachiisaniiru.

Iyyannoowwan 500 ol yeroodhaan mana murtiitti dhiyaatan keessaa 400 ol deebii barbaachisaa ta’e argachuun iyyannoowwan irra caalaan isaanii furmaata argachuu isaanii hubachiisaniiru.
Gorsaan Seeraa fi abukaatoo Kaaliid Nuuree gama isaaniitiin adeemsi Manni Murtii Waliigalaa Naannoo Harariitti eegalame sirni tajaajila haqaa ammayyaa akka diriiru haala mijataa uumeera jedhan.

Adeemsi kun itti quufinsa lammiilee akka dabaluu fi amantaa dhaabbaticha irratti qaban kan cimsu ta’uu kan ibsan obbo Kahaalid, manni murtii komii furuun hojii fooyya’aa fi bu’a qabeessa ta’e hojjechaa jiraachuu hubachiisaniiru.




Abukaatoon kan biraan, Mattaasabiyaa Hayliyyee, Manni murtichaa gargaarsa teeknooloojiitiin adeemsa saffisaa, iftoominaa fi itti gaafatamummaa qabu hojiirra oolchuu danda’uusaa ibsaniiru.
Kunis rakkoo hawaasa fayyadamtootaa mudatu dhabamsiisuudhaan adeemsa baasii xiqqaa ta’e akka fide eeruun,naannoo hojii meedhagaa akka taasise dubbatan.




Fayyadamtoota mana murtichaa kan ta’an Obbo Wandasan Isheetuu fi Aadde Tigisti Gaaddisaas tajaajilli manni murtichaa gargaarsa teeknooloojii dijitaalaatiin kennamaa ture rakkoolee kanaan dura mul’achaa turan dhabamsiisuu isaa ibsaniiru.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015