Tamsaasa Kallatti:

Mootummaan Naannichaa Aadaa Wal-gargaarsa hawaasaa cimsuuf xiyyeeffannoodhaan ni hojjeta - obbo Saadat Nashaa

Waxabajjii 28/2018 (ENA):- Aadaa wal-gargaarsa  hawaasaa caalaatti cimsuudhaan itti fufsiisuuf mootummaan naannichaa xiyyeeffannoon akka hojjetu Sadarkaa Itti aanaa Pirezidaantii oromiyaatti,Qindeessaan Kilastara Hawaasummaa Oromiyaa  Obbo Saadat Nashaa ibsan.

Godina Shawaa Bahaa Aanaa Boosetitti tajaajilli lammummaa gannaa hoggantoonni mootummaa naannoo fi godinaa  bakka argamanitti gaggeeffameera.

Sagantaa kana irratti kan argaman Sadarkaa Itti aanaa Pirezidaantii  Oromiyaatti    Qindeessaan Kilastara Hawaasummaa Oromiyaa  Obbo Saadat Nashaa akka ibsanitti; duudhaa fi aadaa wal-gargaarsa hawaasaa ganamaa  gara iddoo isaatti deebisuuf mootummaan naannichaa hojjechaa jira.

Kanaafiis, Buusaa Gonofaa dabalatee labsiilee tajaajila lammummaa fi tursiisa seeraa diriirsuun, hawaasni sochii madaalawaa hundaan dammaqinaan akka hirmaatu taasifameera jedhan.


Waggoottan jijjiiramaa dabranii keessatti tajaajila lammummaa kanaan manneen jireenyaa maanguddootaa fi harka-qalleeyyii hedduun ijaarramanii tajaajilaaf akka gahan fakkeenya godhanii kaasaniiru.

Keessattuu manneen barnootaa Idileen duraa, kunuunsa maanguddootaa dabalatee haaromsaa fi ijaarsa manneen harka-qalleeyyii, dhiiga arjoomuu, qulqullina, miidhaginaa fi ashaaraa magariisaa irratti hirmaannaan hawaasaa bu'aa qabatamaa fiduusaa hubachiisaniiru.

Har'a Godina Shawaa Bahaa Aanaa Bosetitti kan gaggeeffame hojiin ijaarsa manneen harka-qalleeyyii bara 2018/19 dabalatee hojiiwwan tajaajila lammummaa adda addaa  agarsiiftuu   ta'uu Obbo Saadat ibsaniiru.

Kanaafiis ummanni naannichaa, hawaasni godinaa fi qooda fudhattoonni gahee tajaajila lammummaa isaanirraa eegamu akka bahan hubachiisaniiru.


 

Bulchaan Olaanaa Godina Shawaa Bahaa Obbo Abbaabbuu Waaqoo gama isaaniitiin; bara baajataa kanaan humna hawaasaa qindaa'eetti fayyadamuun godinichatti manneen barnootaa Idileen duraa 154 fi manneen harka-qal’eeyyiiKuma 2 ol ijaaruun hawaasa fayyadamaa biraan gahuu dandeenyeerra jedhaniiru.

Godinichatti kan raawwatamu tajaajilli lammummaa gannaa bara kanaas hirmaannaa fi carraaqqii qooda fudhattoota hundaan hojiirra akka oolu dabalanii ibsaniiru.

Godinichatti haaromsaa fi ijaarsa manneen harka-qalleeyyii, kunuunsa maanguddootaa, dhiiga arjoomuu, dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaa dabalatee hojiiwwan tajaajila lammummaa adda addaa akka raawwatamanis kaasaniiru.

Aanaa Bosetitti har'a ifatti kan jalqabame tajaajila lammummaan ijaarsi manneen harka-qalleeyyii 152 kan raawwatamu ta'uu eeranii; ijaarsi kun yeroo qabameef keessatti akka xumuramu qooda fudhattoonni hundinuu deeggarsa  barbaachisu taasisuu akka qaban hubachiisaniiru .

Sagantaa har'aa kanaan Aanaa Boosetitti dhaabbii biqiltuu, deeggarsa meeshaalee barnootaa barattootaaf, dhiiga arjoomuu fi sagantaan jalqabsiisa ijaarsa manneen harka-qalleeyyii gaggeeffameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015