Tajaajilli Lammummaa Aadaa wal-gargaarsaa fi Walooma Itiyoophiyaanotaa caalaatti gabbisaa jira - ENA Afaan Oromoo
Tajaajilli Lammummaa Aadaa wal-gargaarsaa fi Walooma Itiyoophiyaanotaa caalaatti gabbisaa jira
Waxabajjii 28/2018 (ENA):- Tajaajilli lammummaa aadaa wal-gargaarsaa fi walooma Itiyoophiyaanotaa caalaatti gabbisaa akka jiru Komishiniin Qindeessa hirmaannaa Hawaasaa fi Tajaajila Lammummaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee beeksise.
Itti Aantuun Komishineera komishinichaa Asiraat Nugusee ENA'f akka ibsanitti; tajaajilli lammummaa lammiileen beekumsa, maallaqa, humnaa fi ogummaa qabanitti fayyadamuun hawaasaaf hojii gaarii kan itti hojjetanii fi ashaaraasaanii kan itti kaa’anidha.
Komishinichi magaalicha keessatti hawaasa qindeessuudhaan hojiiwwan hedduu raawwachaa akka jiru eeranii, yeroo ammaa kana dameewwan tajaajila lammummaa 18 irratti lammiilee hirmaachisuun akka danda'ame eeraniiru.
Hojiiwwan gurguddoo raawwataman keessaa; ijaarsaa fi haaromsa manneen harka-qalleeyyii, hojiiwwan ashaaraa magariisaa,maaddii qooduu , dhiiga arjoomuu, Wal’aansa fayyaa bilisaa, hojiiwwan qulqullinaa fi miidhaginaa dabalatee kanneen biroos keessatti argamu jedhaniiru.
Hojiiwwan tajaajila lammummaa kunneen rakkoo Maanguddootaa, harka-qal’eeyyii, qaama midhamtootaa fi ijoollee abbaa fi haadha hin qabne furuu keessatti milkaa'ina qabatamaa agarsiisaa jiraachuu ibsaniiru.
Kunis cabiinsa hawaasummaa fi dinagdee hedduu kan suphu waan ta'eef, faayidaa isaarraa kan ka'e caalaatti cimee itti fufuu akka qabu dhaamaniiru.
Magaalattii keessatti lakkoofsi hirmaattota tajaajila lammummaa waggaa gara waggaatti dabalaa dhufuusaa eeranii; jiraattonni magaalaa, abbootiin qabeenyaa, dhaabbileen mootummaa fi qooda fudhattoonni adda addaa sagantichaa irratti dammaqinaan hirmaachaa jiraachuu ibsaniiru.
Waqtii ganna ammaa kanatti karoora caalaatti babal'isuun, miseensota kutaa hawaasaa miliyoona 2 tuqaa 6 tajaajila lammummaa irratti hirmaachisuun lammiilee miliyoona 3tuqaa 3 ol ta'an dameewwan adda addaan fayyadamoo taasisuuf gara hojiitti galamuusaa eeraniiru.
Dargaggoonni yeroo boqonnaa gannaa isaaniitti hojiiwwan gaarii kanneen irratti dabarsuudhaan, ashaaraa isaanii akka kaa’anii fi muuxannoo fi dandeettii isaanii akka gabbifatan dhaamaniiru.