Tamsaasa Kallatti:

Sagantaan  Ashaaraa Magariisaa Eegumsa Naannoo fi Haaromsa Sirna-Ikkoolojiitiif gumaacha olaanaa taasisaa jira

Waxabajjii 28/2018 (ENA):- Sagantaan Ashaaraa Magariisaa hanga  bosona biyyattii dabaluudhaan eegumsa naannoo fi haaromsa sirna-ikoolojiitiif gumaacha olaanaa taasiisaa akka jiru Daarektarri Olaantuu Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Itiyoophiyaa  Dr. Injiiner Lalisee Namee  ibsan.

Itiyoophiyaan miidhaa jijjiirama haala qilleensaarraa  maddu dandamachuuf, Uwwisa  bosonaa guddisuufi wabii nyaataa mirkaneessuuf kan dandeessisu  sagantaa Ashaaraa Magariisaa  innisheetivii  Ministira  Muummee  Dr. Abiyyi  Ahimadiin bara 2011 irraa eegalee sadarkaa biyyaalessaatti hojiirra oolchaa jirti.


Hirmaannaa biyyaalessaa guddaa kanaan dura waggoottan dabran keessatti biqiltuuwwan bosonaa, fuduraalee fi gaaddisaa biliyoona 48 ol misoomsuun danda'ameera.

Sagantaa Ashaaraa Magariisaa  bara kanaan mata duree "Abdii haa dhabbannu " jedhuun sadarkaa biyyaalessaatti biqiltuuwwan biliyoona saddeet dhaabuuf karoorfamee gara hojiitti galamuun isaa ibsameera.

Har'as Eejensiin Bulchiinsa Qulqullina Magaalaa Finfinnee   bakka  kosii gogaa itti gatan  Raphii jedhamutti sagantaa Ashaaraa Magariisaa gaggeesseera.

Daarektarri Olaantuu Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Itiyoophiyaa Dr. Injiiner Lalisee Namee  wayita kanatti akka jedhanitti; sagantaan Ashaaraa Magariisaa naannoo faalamaa fi manca'iinsa irraa kan itti eegnu keessaa tokkodha jedhan.

Waggoottan dabran keessa sagantaan Ashaaraa Magariisaa hojiirra ooleen uwwisni  bosona biyyattii  akka dabale ibsaniiru.

Kunis eegumsa qilleensa addunyaatiif  fala  ta'aa dhufuu isaa dubbachuun; birmadummaa wabiinyaataa mirkaneessuu  keessattis qoodasaa ba’achaa  akka jiru ibsaniiru.

Uwwisa bosona biyyattii dabaluudhaan eegumsa naannoo fi haaromsa sirna-ikoolojiitiif gumaacha olaanaa gumaacha akka jiru eeraniiru.

Sadarkaa Itti aanaa  Kantiibaatti  Hojii gaggeessaa Olaanaan Magaalaa Finfinnee Injiiner  Wandimmuu Seettaa gama isaaniitiin; bakka gatinsa kosii gogaa Raphiitti yeroo ammaa hojii deebisanii  misoomsuu  hojjetameen   sodaa balaa irraa gara qabeenyummaatti jijjiiramaa dhufeera jedhaniiru.

Daarektarri Olaanaan Eejensii Bulchiinsa Qulqullina Magaalaa Finfinnee Gazzaahenyi  Deesisaa gama isaaniitiin; Raphiin bakka  kosii gogaa itti gatan  yeroo ammaa biqiltuudhaan uwwifamaa akka jiru dubbataniiru.

Kanaanis yeroo ammaa deebisanii fayyadamuun gara qabeenyummaatti jijjiiramaa akka jiru eeraniiru.

Hirmaattonni sagantichaa  ENA’f yaada kennan; erga Ashaaraan Magariisaa jalqabamee kaasee waggaa waggaan  dammaqinaan hirmaachaa akka jiran ibsuun; kanaan dura naannoo isaaniitti bakkeewwan kosii itti gatamaa turan amma deebi'anii dandamachuun biqiltuuwwan magariisaan uwwifamuusaanii dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015