Hambaa guddaan Ijoollee keenyaaf dabarsinu Itiyoophiyaa Qulqulluu, Lalistuu, Fayyaaleettii fi Waaraa taate ta'uu qaba – Itti Aanaa ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa - ENA Afaan Oromoo
Hambaa guddaan Ijoollee keenyaaf dabarsinu Itiyoophiyaa Qulqulluu, Lalistuu, Fayyaaleettii fi Waaraa taate ta'uu qaba – Itti Aanaa ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa
Waxabajjii 27/2018 (ENA): Hambaa guddaan ijoollee keenyaaf hafu Itiyoophiyaa qulqulluu, lalistuu fi fayyaaleessaa taate ta'uu qaba jedhan Itti Aanaan ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa.
Itti Aanaan Ministira Muummee sosochii biyyaalessaa "Itiyoophiyaa Qulqulluu Dhalootaaf" 3ffaa har'a jalqabsiisaniiru.
Itti Aanaan ministira Muummee ergaa isaaniitiin; sochiin kun ijoollee keenyaa fi dhaloota dhufuuf biyya qulqulluu, fayyaaleessaa fi lalistuu ijaaruuf waadaa waliinii galle bifa haaraa dhaan kan haaromsinedha jedhaniiru.
Faalamni pilaastikii, kosii fi sagalee dhimmoota eegumsa naannoo qofa akka hin taane ibsuun; fayyaa uummataa, indaastirii Tuuriizimii, investimentii fi carraa egeree biyya keenyaa waliin kallattiin kan walqabatan dhimmoota nageenya biyyaalessaa fi misoomaa ta'uu isaanii ibsaniiru.
Marsaan sochii kanaa inni amma Axaraashaa Magariisaa (Ashaaraa Magariisaa), misooma Koriidarii fi misooma qarqara laggeenii waliin qindaa'ee kan raawwatamu yoo ta'u; jechootaan alatti bu'aawwan lakkaa'amuu danda'an, itti-gaafatamummaa dhaabbataa fi jijjiirama amala waaraa irratti akka xiyyeeffatu eeraniiru.