Tamsaasa Kallatti:

Rakkoo damee invastimantiin jiru bu'uurarraa furuur xiyyeeffannoon hojjetama

Waxabajjii 27/2018(ENA): Rakkoo damee invastimantiin mudatu bu'uurarraa furuuf xiyyeeffannoon akka hojjetamu Hogganaan Biiroo Invastimantii fi Industirii Oromiyaa Ahimad Indiriis ibsan.

Sagantaa kanaanis carraawwan, haalota mijatoofi sochiiwwan Investimentii Magaalaa Shaggar dhiyaachuun marii bal'aan taasifameera.

Bulchiinsi Magaalaa Shaggar Carraalee gurguddoo Invastimantii fi kenna tajaajilaa Magaalaa Shaggar ilaalchisuun fooramiin invastimentii Finfinnee Hoteela Iskaaylaayitiitti gaggeeffameera.


 

Waltajjicharratti yaadaa fi gaaffiin hojii invastimentii keessatti mudachaa jiru hirmaattotarraa ka'ee marii'atameera.

Fooramicharratti argamuun waltajjii marii kan gaggeessan obbo Ahimad, rakkoolee hojii keessatti Investeroota mudachaa jiru kaasuun tajaajila si’ataa kennuuf xiyyeeffannoon ni hojjetama jedhaniiru.

Kantiibaan Bulchiinsaa Magaalaa Shaggar Dr. Tashoomaa Addunyaa rakkoo bu'uuraalee misoomaa fi bulchiinsa gaarii gama Invastimentiin jiru furuun  magaalaa Shaggar giddugala invastimentii taasisuuf qaama dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan akka hojjetan ibsaniiru.

Magaalaa shaggar magaalaa invastimentii fi hawaasaa taasisuuf hojjetamaa jiras jedhaniiru.


Daarektarri Manufakcheringii Industirii Itiyoophiyaa Dr.Milkeessaa Jaagamaa mootummaan rakkoo invastimentiin jiru furuuf kenna tajaajilaa teekinooloojiin deeggarame diriirsuusaa ibsaniiru.

Tajaajila invastimantii si’ataa fi ammayaa’aa taassisuuf indoominaan hojjechuun murteessaa ta’uus ibsaniiru.

Waltajjicharratti hoggantonni Federaalaa,Naannoo fi bulchiinsa magaalaa Shaggar dhimmichi ilaallatu,dureeyyonni biyya keessaa fi Alaa hirmaachuun marii’ataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015