Jilli Hawaasa Dippilomaasii Sagantaa Dhaabbii Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa magaalaa seena qabeettii Laallibalaatti gaggeesse - ENA Afaan Oromoo
Jilli Hawaasa Dippilomaasii Sagantaa Dhaabbii Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa magaalaa seena qabeettii Laallibalaatti gaggeesse
Waxabajjii 27/2018 (ENA): Miseensonni Jila Hawaasa Dippilomaasii Sagantaa Dhaabbii Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa Magaalaa seena qabeettii Lalibelaatti gaggeessan.
Ambaasaaddaroonnii fi hoggantoonni dhaabbilee idil-addunyaa teessoo isaanii Finfinnee godhatan Ashaaraa magariisa isaanii kan UNESCO’n galmaa’e Manneen Kiristaanaa Laalibalaatti kaa’aniiru.
Jilli dippilomaasii magaalaa seena qabeettii Laalibalaa daawwachaa jiru kun kaleessa Waldoota addunyaa irratti beekamoo ta’an dhagaa tokko irraa bocaman daawwataniiru.
Daawwannaa isaaniitiin alattis har’a iddoo hambaa ta’e bataskaana Laalibalaa kanatti ashaaraa isaanii kaa’aniiru.
Jilli kun biqiltuu dhaabuun isaa sagantaa ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa yoo ta’u, kunis ajandaa misooma addunyaa kan hambaalee fi eegumsa naannoo walitti fidu ta’uu ibsameera.
Daawwannaan kun Itiyoophiyaan bakka turistootaaf nageenyaafi hawwataa ta’uu ishee addunyaaf kan agarsiise yoo ta’u, damee turizimii haaromsuuf carraa guddaa uumeera.
Bakka bu’oonni hawaasa addunyaa bakka hambaa kana irratti biqiltuu dhaabuun isaaniis akka agarsiisa tumsa addunyaa hambaalee addunyaa kunuunsuu fi jijjiirama qilleensaa waliin qolachuutti ilaalama.