Tamsaasa Kallatti:

Carraalee gurguddoo Invastimantii fi kenna tajaajilaa magaalaa shaggar ilaalchisuun fooramiin invastimentii gaggeeffamuu eegale.

Waxabajjii 27/2018 (ENA): Bulchiinsi Magaalaa Shaggar Carraalee gurguddoo Invastimantii fi kenna tajaajilaa magaalaa shaggar ilaalchisuun fooramii invastimentii finfinnee hoteela Iskaaylaayitiitti gaggeeffamaa jira.

foramicharratti kantiibaan Magaalaa shaggar Dr. Tashoomaa Addunyaa Haasaa baninsaa taasisaniin magaalaa shaggar gidduugala invastimantii Afriikaa gochuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.


Investimentii shaggar dhugoomsuuf hudhaalee jiran maksuun, Haala mijataa jirutti fayyadamuun bu'aa qabeessa ta'uuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Waltajjicharratti hoggantonni Federaalaa,Naannoo fi bulchiinsa magaalaa shaggar dhimmichi ilaallatu,dureeyyonni biyya keessaa fi Alaa hirmaachaa jiru.

Magaalichi dureeyyota carraa invastimantii argatanii hojiitti galan jajjabeessaa jiraachuu eeraniiru.


Waltajjicharratti haala mijataa jiruutti fayyadamuu fi rakkoolee jiran maksuuf bal'inaan mariin akka gaggeefamu ibasameera.

Agarsiisnii fiEksipoon idil addunyaa 2ffaan qopheessummaa magaala shaggariin guyyaa 2f turu kaleessaa eegaluunsa ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015