Faalama naannoo ittisuun dhimma misoomaa fi nageenya biyyaalessaa egeree biyyattii waliin walqabatedha - ENA Afaan Oromoo
Faalama naannoo ittisuun dhimma misoomaa fi nageenya biyyaalessaa egeree biyyattii waliin walqabatedha
Waxabajjii 27/2018 (ENA): Itti aanaan ministira muummee obbo Tamasgeen Xurunaa faalama naannoo ittisuun fi eegumsi naannoo dhimmoota misoomaa fi nageenya biyyaalessaa oomishtummaa dinagdee fi egeree biyyattii waliin walqabatan ta’uu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan eegumsa naannoo fi misooma magariisaa Afrikaaf fakkeenya ta’uu akka dandeessus ibsaniiru.
Itti aanaan ministira muummee obbo Tamasgeen Xurunaa duula "Itiyophiyaa Qulqulluu Dhalootaaf " jedhu kan marsaa 3ffaa akka biyyaatti ifatti eegalchiisaniiru.
Misoomni koridarii fi misoomni qarqara lagaa mootummaan Ida’amuu hooggansa MM Dr. Abiyyi Ahimad jalatti guutuu biyyattiitti raawwatamaa jiru, magaalota qulqulluu, magariisa, bareedduu fi jiraattotaaf mijataa taasisuu qofa osoo hin taane, hawwata turizimii isaaniis dabalaa jira jedhan.
Sochiin Itiyoophiyaa Qulqulleettii marsaa sadaffaa sagantaalee biyyaalessaa kanneen waliin bifa qindoomina qabuun hojiirra kan oolu ta’uu ibsaniiru.
Sochiin marsaa sadaffaa cimina kanneen kanaan duraa cimsuu fi qaawwa hordoffii, sirna gabaasaa fi qindoomina dhaabbilee gadi fageenyaan madaaluun qophaa’uu ibsaniiru.
Sochiin kun hubannoo uumuu qofa osoo hin taane bu’aa safaramuu danda’u, hordoffii fi madaallii cimaa, itti gaafatamummaa dhaabbilee irratti kan xiyyeeffatu ta’uu beeksisaniiru.
Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo ittisa faalama, eegumsa naannoo fi seerota kanaan walqabatan, akkasumas hubannoo hawaasaa uumuu irratti hojii fakkeenyummaa qabu hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Milkaa’ina sochii kanaa mirkaneessuuf mootummoonni naannolee fi bulchiinsi magaalotaa hundi karoora raawwii ifa ta’e qopheessuun, baajata ramaduun, akkaataa haala naannoo isaaniitti sirna hordoffii fi gabaasa cimaa diriirsuun hojjechuun akka irraa eegamu dubbataniiru.
Keessattuu, pirezidaantonni naannolee, kantiiboonni, fi hoggantoonni dhaabbilee eegumsa naannoo itti gaafatamummaa hoggansa isaanii bu’a qabeessa ta’een akka ba’atan waamicha dhiyeessaniiru.
Milkaa’ina sochii biyyaalessaa kanaaf dameen dhuunfaa, dhaabbileen waldaalee siivikii, dhaabbileen amantaa, dubartoonni, dargaggoonni waliin hojjechuu akka qabanis waamicha dhiyeessaniiru.