Tamsaasa Kallatti:

Manni Maree Naannoo Hararii wixinee baajata bara baajataa 2019 Birrii biiliyoona 12.8 ol akka ta’u murteesse

Waxabajjii 27 /2018 (ENA): Manni Maree Mootummaa Naannoo Hararii wixinee baajata mootummaa naannichaa bara baajataa 2019 Birrii biiliyoona 12 fi miiliyoona 8 ol akka guddatu murteesse.

Manni Marichaa wixinee baajata bara bajataa 2019 Biiroo Maallaqaa fi Tumsa Diinagdee naannichaan dhiyaate irratti gadi fageenyaan mari’atee mana maree naannichaaf galtee kenneera.


 

Haaluma kanaan baajata sadarkaa naannootti ramadamu keessaa dhibbeentaan 60 baajata kaappitaalaaf kan ramadamu yoo ta’u, dhibbeentaan 38 ammoo baajata idileef kan ooludha.

Baajata kana irra caalaa galii maddoota naannichaa adda addaa irraa sassaabame, akkasumas deeggarsa mootummaan federaalaa karaa Mana Maree Federeeshinii fi maddoota birootiin naannoleef kennuun kan yaada keessa galchedha.

Baajatni kun bara darbe yeroo walfakkaataa irraa dhibbeentaa 33’n caala.

Pireesidaantiin Naannoo Hararii obbo Ordin Badrii akka himanitti, Hojiin pirojektoota hin xumuramne bara bajataa 2018 eegalaman xumuruu fi hojiitti galchuuf xiyyeeffannoon ni kennama jedhaniiru.

Hojiiwwan fedhii bu’uuraalee misoomaa ummataa baadiyyaa fi magaalaa guutuu danda’an irratti xiyyeeffannaan addaa kennameera jedhan.

Misooma koridarii baadiyyaa fi magaalaa, bishaan dhugaatii qulqulluu, barnootaa fi fayyaa irratti xiyyeeffannaan ni kennama jedhaniiru.

Keessumattuu haala jireenya ummataa fooyyessuu fi fedhii bu’uuraa guutuu danda’uun qusannoo bu’uura godhachuun baajatni kun kan itti fayyadamamu ta’uu ibsaniiru.


 

Dameewwan hiyyummaa hir’isuu irrattis tattaaffiin akka hojjetamus akeekaniiru.

Gama naannichatti galii walitti qabuun xiyyeeffannoon socho’uun barbaachisaa ta’uu, kanaafis diinagdeen naannichaa saffisa karoorfameen sassaabamuu akka qabu hubachiisaniiru.

Manni marichaa wixinee labsii baajata bara 2019 yaadame irratti erga mari’atee booda galtee dabalataa itti dabaluun mana maree naannichaaf akka dabarsu sagalee guutuun murteesseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015