Tamsaasa Kallatti:

Miidiyaaleen Marsariitii dantaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa fi guddina tokkummaa ummataatiif ciminaan hojjechuu qabu.

Waxabajjii 27/2018 (ENA) : Miidiyaaleen Marsariitii faayidaa biyyaalessa Itiyoophiyaa kabachiisuuf itti gaafatamummaan hojjechuu akka qaban Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa beeksise.

Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa Konfiransii Miidiyaa mata duree "Gahumsa Miidiyaalee Marsariitii, Ijaarsa Biyyaaf" jedhuun qopheesse gaggeeffamaa jira.



Abbaan taayitichaa dhaabbilee miidiyaa marsariitii 73'f beekamtii kennuun hordofaa jiraachuu Daayrektarri Olaantuun Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa Aadde Hayimaanot Zallaqaan himaniiru.

Dhaabbileen miidiyaa marsariitii, tokkummaa fi faayidaa biyyaalessaa kabajanii hojjetan akkuma jiran haasawaa jibbiinsaa fi odeeffannoo sobaa tamsaasuun walitti bu'iinsa uumuuf qaamoleen fedhii siyaasaa dhooksaa tarkaanfachiisuun biyyaa fi ummata miidhuuf hojjatan akka jiran dubbataniiru.

Maqaa biyyaa balleessuufi qabiyyeewwan dippiloomaasii biyyaa miidhan tamsaasuu, maqa balleessii hoggantoota olaanoo biyyaa, maqa balleessii Raayyaa Ittisa Biyyaa, qabiyyee Sabaafi Sablammootaa walitti buusu, piropogaandaa shoorarkeessitootaa tamsaasuun mul'ataa jiraachuu qorannoo baatiiwwan sadan darban taasifameen ifoomeera.

Dhaabbatichi haasawa jibbiinsaa fi odeeffanoo sobaa ittisuun miidiyaaleen ijaarsa biyyaaf hojjechuu akka qabaniif deeggarsa barbaachisu akka taasisu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015