Tamsaasa Kallatti:

Yuunivarsiitiin Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa barattoota damee barnootaa adda addaatiin barsiisaa ture eebbisaa jira

Waxabajjii 27/2018 (ENA): Yuunivarsiitiin Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa barattoota damee barnootaa adda addaatiin sadarkaa digirii tokkoffaa fi lammaffaa barsiisaa ture eebbisaa jira.


Sirna eebbaa kanarratti Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Injinar Aayishaa Mahaammad, Ajajaan Ajaja Makaanaayizeeshinii Leetenaal Jeneraal Kaffaaloo Amdee, Ministeera Ittisaa Daayirektarri Waliigalaa Daayirektoreetii Hariiroo Dhimma Alaa fi Tumsa Waraanaa fi Dura Taa’aan Boordii Yuunivarsiitichaa Meejar Jeneraal Tashoomaa Gammachuu argamaniiru.

Kana malees, Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa Birgaadeer Jeneraal Kabbadaa Raggaasaa, qondaaltonni olaanoo waraanaa raayyaa ittisa biyyaa, attaachoonni waraanaa biyyoota adda addaa irraa dhufan keessummootaa fi maatiin eebbifamtootaa affeeraniiru.


Eebbifamtoonni Yuunivarsiitii Raayyaa Ittisaa Itiyoophiyaa barnoota isaanii injinariingii, saayinsii fayyaa, bizinasii, qo’annoo hawaasummaa fi dameewwan barnootaa adda addaatiin akka hordofan gabaafameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015