Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad Riizoortii Konfiraansii Arbaminci sagantaa ‘Maaddiin Dhalootaaf’ jedhuun ijaarame eebbisan - ENA Afaan Oromoo
Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad Riizoortii Konfiraansii Arbaminci sagantaa ‘Maaddiin Dhalootaaf’ jedhuun ijaarame eebbisan
Waxabajjii 27/2018 (ENA): Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad har’a Riizoortii Konfiraansii Arbaminci kan sagantaa ‘Maaddiin Dhalootaaf’ jedhuun ijaarame ifatti eebbisaniiru.
Ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti dabarsaniin Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Itoophiyaan hojii irra oolchuu itti fuftee jirti.
Riizoortiin har’a eebbifame kun milkaa’ina guddaa dabalataa sagantaa ‘Maaddiin Dhalootaf’ ta’uu kaasan.
Riizoortichi Reestooraantii addaa socho’aa hara irratti ijaarame fi galma walga’ii namoota kuma 1 fi 300 keessummeessuu danda’uu kan hammate yoo ta’u, Tuurizimii Konfiraansii babal’isuun Itiyoophiyaa Giddugala Waltajjiiwwan idil addunyaa taasisuuf galma qabanne cimsa jedhan.
Hawaasa naannawaaf ammoo carraa hojii bal’aa uumuu kaasan.
Ummanni Itiyoophiyaa, Diyaaspooraa fi hawaasni idil addunyaa iddoo addaa fi hawwataa kana daawwachuu fi itti fayyadamuun, waliin taanee indastirii turizimii fi konfiraansii Itiyoophiyaa keessatti boqonnaa haaraa haa bannu jechuun waamicha dhiyeessan